Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ganda bishaan jalaa Indiyaa waggaatti altokko qofa mul'atu
Dhiha Indiyaa kutaa biyyaa Goa keessatti kan argamtu gandi Kurdi waggaatti ji'a tokko qofaaf mul'atti, ji'oota 11 hafan ammoo bishaaniin haguugamti.
Namoonni ganda kana keessa jiraataa turan wayita bishaanni hir'atee gandattiin ifatti baatu bakka itti godaanan irraa walitti qabamuun achitti argamanii ayyaaneffatu.
Gandi Kurdi kun gaarreen lama kan bishaanni gidduu yaa'u keessatti kan argamtu yoo ta'u seenaa keessatti yeroo tokko ganda badhaatuu fi jireenyaaf hawwattuu turte.
Jiraattonni akka gandi kun baddu kan baran ALA bara 1986 ture. Wayita sana hidha mootummaan laga kanarratti ijaareen gandattiin guutummaatti liqimfamte.
Waggaatti yeroo mara ji'a Caamsaa keessa wayita qabiyyeen bishaanii hir'atu qaamni ganda kanaa hangi tokko nu mul'ata.
Ganda kana keessa namoota 3,000tu jiraachaa turan. Hordoftoonni amantii Hinduu, Islaamaa fi Kiritaanaa waliin jiraachaa turan.
Gandi duraan iddoo duudhaa fi amantii akkasumas madda misoomaa taatee turte erga bara 1961 biyya Poortugaaliin koloneeffatamtee seenaanshee akkasiin jijjiirame.
Warri Poortugaal dhufnaan mootummaa waliin walta'anii hidha guddaa laga ganda kana marsee jirurratti ijaaruuf murteessan.
Qondaalli yeroo jalqabaaf yaada kana qabataee gara ganda kanaa deeme Dayanand Bandodkar ijaarsi hidha kanaa uummata ganda Kurdi fi naannawa ishee akka fayyadu itti himee ture.
Maanguddoon umurii waggaa 75, walga'ii yeroo sana qondaala kana waliin geggeessan yaadatan Gajanan Kurdikar "Sagantaan kun ganda keenya balleessuu danda'a. Garuu aarsaan kaffallu faayidaa caaluuf'' jedhanii turan.
Aab Kurdikar dabalatee maatiin 600 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'uuf dirqamaniiru.
Maatiin kunneen beenyaa maallaqaa fi lafa argachuun ganda ollaa jirtutti galan.