Ganda bishaan jalaa Indiyaa waggaatti altokko qofa mul'atu

Hidha Salaulim

Madda suuraa, Gurucharan Kurdikar

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi jalqaba mootummaan ijaare Ganda Kurdi kana liqimse

Dhiha Indiyaa kutaa biyyaa Goa keessatti kan argamtu gandi Kurdi waggaatti ji'a tokko qofaaf mul'atti, ji'oota 11 hafan ammoo bishaaniin haguugamti.

Namoonni ganda kana keessa jiraataa turan wayita bishaanni hir'atee gandattiin ifatti baatu bakka itti godaanan irraa walitti qabamuun achitti argamanii ayyaaneffatu.

Gandi Kurdi kun gaarreen lama kan bishaanni gidduu yaa'u keessatti kan argamtu yoo ta'u seenaa keessatti yeroo tokko ganda badhaatuu fi jireenyaaf hawwattuu turte.

Jiraattonni akka gandi kun baddu kan baran ALA bara 1986 ture. Wayita sana hidha mootummaan laga kanarratti ijaareen gandattiin guutummaatti liqimfamte.

Waggaatti yeroo mara ji'a Caamsaa keessa wayita qabiyyeen bishaanii hir'atu qaamni ganda kanaa hangi tokko nu mul'ata.

Kurdi

Madda suuraa, Supriya Vohra

Ibsa waa'ee suuraa, Ganda Kurdi kan yeroo tokko badhaatuu turte

Ganda kana keessa namoota 3,000tu jiraachaa turan. Hordoftoonni amantii Hinduu, Islaamaa fi Kiritaanaa waliin jiraachaa turan.

Gandi duraan iddoo duudhaa fi amantii akkasumas madda misoomaa taatee turte erga bara 1961 biyya Poortugaaliin koloneeffatamtee seenaanshee akkasiin jijjiirame.

Warri Poortugaal dhufnaan mootummaa waliin walta'anii hidha guddaa laga ganda kana marsee jirurratti ijaaruuf murteessan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Teekinolojiin aadaa keenya akka hin balleessine eeggachuu qabna

Qondaalli yeroo jalqabaaf yaada kana qabataee gara ganda kanaa deeme Dayanand Bandodkar ijaarsi hidha kanaa uummata ganda Kurdi fi naannawa ishee akka fayyadu itti himee ture.

Curdi

Madda suuraa, Supriya Vohra

Ibsa waa'ee suuraa, When the water recedes every year, remnants of the village are revealed

Maanguddoon umurii waggaa 75, walga'ii yeroo sana qondaala kana waliin geggeessan yaadatan Gajanan Kurdikar "Sagantaan kun ganda keenya balleessuu danda'a. Garuu aarsaan kaffallu faayidaa caaluuf'' jedhanii turan.

Gojaanaan fi Mamta Kurdikaan

Madda suuraa, Supriya Vohra

Ibsa waa'ee suuraa, Gojaanaan fi Mamta Kurdikaan

Aab Kurdikar dabalatee maatiin 600 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'uuf dirqamaniiru.

Maatiin kunneen beenyaa maallaqaa fi lafa argachuun ganda ollaa jirtutti galan.

Hidha Salaulim

Madda suuraa, Gurucharan Kurdikar

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi mootummaan asirratti hojjete bishaan dhugaatii hawaasaaf dhiyeessuuf yaadameeti