Maallaqni Dolaara 267 abbaa irree duraanii Naayijeeriyaan saamame jalaa fudhatame

Suura Saanii Abaacha
Ibsa waa'ee suuraa, Saanii Abaachaan bara 1993-1998 tti aangoorra turan

Maallaqni doolaara miiliyoonota hedduun abbaan irree duraanii Naayijeeriiy Saanii Abaacha seeraan ala horatan Jeersiifi US'n to'atame.

Maallaqichi bara 1990 oota Saanii Abaachaan preezidantii Naajieeriyaa turan ''kan malaammaltummaan argame '' dha jedha dhaabbanni Jersey Civil Asset Recovery Fund jedhamu.

Maallaqa akka hin sochoone uggurrii bara 2014 irra kaahamee ture kun, maqaa Kaampanii boba'aa Doraville jedhamuun ture.

Morkii seeraa waggoota shan fudhateen booda amma maallaqicha Jersey, US fi Naayijeeriyaan akka qooddatan ta'a jedhameera.

Abbaan Alanagaa Jersey Robert McRae QC maallaqa kana to'achuun kutannoo nuti yakka maallaqaa idila sadarkaa iila addunyaafi maallaqa seeraan alaa to'achuurratti qabnu mul'isa jedhan.

Abaachaan bara 1993 hanga lubbuun isaanii darbu bara 1998'tti preezidantii Naayijeeriyaa turan.

Mootummoota dhufaa darbaan maallaqni seeraan ala fudhatame hangam akka ta'e hin beekamu.

Sani Abacha meets with former Pope John Paul II Saanii Abaachaafi Poop Joon Pool II

Madda suuraa, JEAN-PHILIPPE KSIAZEK/AFP/GETTY Images

Mootummaan USA'n maallaqa Saanii Abaachaa fi michoonni isaani seeraan ala gara baankiiwwan Ameerikaatti gachan doolaara miiliyoona danuu Naayijeeriyaaf deebifteetti.

Maallqni amma gargar qoqqodamuuf jiru kun, maallaqa bara bulchiinsaa Saanii Abaachaa saamamera jedhamu doolaara biiliyoonaan lakkaahamu keessaa isa muraasas jedhama.

Angawoonni Swiiz maallaqa $300m ta'u fandii uummataa jalaa saamamuu hin oolu jedhan bara darbe mootummaa Naayijeeriyaaf deebisaniiru.

Maallaqichis abbootii warraa Naayijeeriyaa 300,000 ta'aniif waggoota dhufan jaha gidduutti qoodama jedhameera.