Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa uffannaan barattoota dubaraafi dhiiraaf adda baasuun itti hin barbaachifne
Kantiibaan Magaalaa Maksiikoo Kilaawudiyaa She'inbahuum barattoonni manneen barnootaa mootummaa keessatti baratan uffannaa yunifoormii addatti dhiiraaf ykn dubaraaf jedhamee qophaa'e uffachuu akka hin barbaachifne beeksifteetti.
"Dhiironni yoo barbaadan wandaboo mudhi-gadee uffachuu danda'u dubartoonnis yoo barbaadan bolaalee/fiddoo uffachuu danda'u," jetti kantiibaan kun.
Itti dabaluunis, "kun haala walqixxummaafi haqa qabeessummaa" ta'e uumuuf gargaara jette.
Qajeelfamni duraan jiru akka kaa'utti, " akkuma qamisiin uffata yunifoormii mana barumsaa ijoollee duraa ta'e bolaaleen ammo kan dhiiraati".
Akka kantiibaan kun jettutti uffanni yunifoormiin dhiiraafi dubara jechuun adda baasu "seenaa darbedha" waan ta'eef tarkaaniin haaraan "atattamaan" hojiirra ooluu qaba.
Aadde She'inbahum, paartii warra Morena jedhamu irraa kan taate yommuu ta'u kana kan beeksifte mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa tokko magaalattii keessa jiru wyita daawwattetti ture.
Tarkaanfiin kun ammoo quuqamtoota saal-makaa (transgender) warra ta'an biratti kan simatame yommuu ta'u, isaanis ijoolleen hanga ammaa uffata uffachuu qaban adda hin baafatiin gargaara jedhan.
Ministirri Barnootaa Estebaan Mocheezumaa yaada kantiibattii deggeranii, kutaaleen biyyaa biroos fakkeenya kana ni hordofu jedheen amana jedhan.
Magaalaan Maksiikoo dudhaawwan walabummaa akkasii dursanii fudhachuun biyyattii keessatti dursa hojiirra oolchuun kun kan jalqabaa miti.
Bara 2010 keessa, fuudha namoota saalaan walfakkaatan gidduutti hayyamuudhaaf Maksiikoon ishee duraa turte. Isaan booda kutaaleen biyyaa kudhanii ol ta'an seera qabeessa taasisan.
Maksiikoo keessatti dubartoota mirgootaaf quuqamaniin carraaqqiin caalaatti walqixxummaan akka uumamuuf taasifamullee, loogiifi miidhaan dubartootarra ga'u amallee akka malee ol aanaadha.