Onnee dhiiga rabsitu suphuun danda'amaa?

qaama onnee

Madda suuraa, Prof Sian Harding, Imperial College London

Onnee dhiiga rabsitu suphuu seelota haadhoo/stem cells dha'achuu danda'an miliyoonatti lakkaa'amanirraa uumame maashaa miidhamtee deebisee suphuu akka danda'u qo'attoonni himan.

Saamuda seelii dhukkubsatarraa fudhatametu giddu-gala yaalii keessatti guddifama.

Qaamni giddu galeessaa yaalii keessati guddifame kun onneerrattii addaan fageenya 3cm fi 2cm hodhama.

Kana booda maashaa onnee dalaguu danda'uutti guddata.

Keemikaalaa onnee suphuus maddisisuun seelota onnee haaromsa.

Qo'annoon Illeettirratti qo'atame milka'aadha jedhan qo'attoonni Kolleejjii Impeeri'aal jedhamu Landanitti argamuu yaa'ii dhimma onneerratti Maanchistaritti taa'amee irratti.

Maashaa onnee suphitu

Madda suuraa, Profeesar Siyaan Haarding, Imperial College London

Namoota dhukkubsatanirratti yaaliin waggota lamaan dhufan akka eegalamuu 'British Cardiovascular Society' wal ga'uun mariyachuuf jiru.

Maashaan onnee tasa miidhamuun kan mudatu wayita ujummoon dhiigaa aartarii danqamuun raabsaa dhiigaa gufachiisuu maashaan onnee qabiyyee soorataa fi Oksijiinii dhabutu mudata.

Kunis dandeetti Onneen dhiiga rabsuurratti qabdu laaffisuun hojiii dhaabsisuudhaan dhibee fayyuu hin dandeenye uumuu danda'a.

UK keessatti onneen hojii dhaabuun namoota 920,000 mudata.

Dr. Richaard Jaboor''gaaf tokko qaama onnee yaaluuf fayyadu doktoroonni namoota onneen miidhame itti fufinsaan yaalan gumaachina jedheen abdadha'' jedhan.

Qoricha ajajamun cinatti nama onneen hojii dhaabdeef dhiyeenyatti akkaatan itti bakka buusuu dandeessuu uumuutu barbaachisa jedhu.

Fawundeeshinii Onnee Biritishitti qo'annicha kan hundeessan Pirofeesar Meetiin Avkiraan Onneen hojii dhaabuun wala'aansa otoo hin argatiin lubbuu namaa akkadabarsa jiru dubbatan.

qaama onnee suphitu kana hojjachuun ilaalcha duraan ture akka jijjiru himan.