Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi ilma mootii Saa'udiiti jechuun sobe Ameerikaatti hidhame
Antoonii Giignaak waggaa baay'eef jireenya qananii masaraa mootiif malu jiraachaa bahe.
Faaya qaalii keewwata, jeettii dhuunfaafi konkolaaataa gabatee lakkoofsaa dippiloomaatota qabuun imala, kaardii eenyuummaafi teessoo ibsu irratti maqaa ''Sulxaan'' jedhamu fayyadama.
Haa tahu malee seenaan nama ofiin ilma mootiiti jedhee of waamu kanaa Jimaata darbe saaxil bahe, maallaqa waliin dhahuunis waggaa 18 adabame.
Manni murtii Filooridaa nami ganna 48 Giignaak, kijibaan akka inni maatii mootolee Saa'udii tahetti amansiisee invastarootarraa qarshii miiliyoona 8 waliin dhaheera jedhe.
''Waggaa 30 darbe keessatti ilma mootii Saa'udiitti of fakkeessuun inveestaroota biyyoota addunyaa garaagaraa gowwomsaafi qarshii waliin dhahaa ture'' jedhaniru abbaan Alangaa Ameerikaa Fajaardoo Orshaan.
''Namtichi hogganaa sagantaa maallaqa waliin dhahuu biyyaalessaa wal-xaxaa waan tureef, eenyummaa sobaa Ilma Mootii Kahaaliid Biin Al-Saa'udii fayyadamuun abdii sobaa gurguraa bahe.
Abdii sobaan maatii, hojiifi egeree namootaa of jala galchateera. Inveestarooti kana hin shakkine immoo qarshii isaanii miiliyoona 8 tahu kanaan dhabaniiru jedhan Orshaan.
Giignaak Kolombiyaatti dhalatee, Ameerikaa Mishigaanitti waggaa 7tti guddifachaan fudhatame.
Umurii isaa waggaa 17tti eenyummaa ilma mootii Saa'udii jedhu fayyadamuu jalqabe, kanaanis dhaabota qarshii liqeessan, suuqiiwwaniif inveestaroota gowwomse.
Akkamitti irratti barame?
Akka ragaan mana murtii agarsiisutti waggaa 30 keessatti sababiidhuma kanaan al 11 hidhamee ture.
Abbaan Alangaa Ameerikaa damee Filooriidaa bara 2015 irraa kaasee maqaa Kahaaliid Biin Al-Saa'udii jedhu fayyadamuu jalqabee jedheera.
Eenyummaa waliin dhahaa kana dhoksuufis gabatee lakkoofsa konkolaataa sobaafi eegdota isaafis waraqaa ragaa sobaa biteera.
Uffannaa aadaa Saa'udii, qubeelaafi sa'atii qaalii keewwata. Miiyota aartii qaqqaalii tahanis bitata.
Miidiyaa hawaasummaa Instaagiraamii irratti sareesaafi sobaan nama Saa'udii waliin akka suuraa ka'e fakkeessuun ''abbaa koo'' jechuun maxxansa.
Inveestarootaan yoo wal argu ilma mootii jechuun wal baree sirna maatii moototaa, kennaa laachuun akka guutan gaafata.
Giignaak inveestaroota eenyummaa isaa sobaa fayyadamuun daldala hin jirre irratti akka hirmaatan amansiiseera.
Haa tahu malee sagantaan maallaqa waliin dhahuu bara 2017tti yoo kufuu jalqabu, Miyaamiitti hoteelota qananii irrattii inveest gochuu jalqabe.
Marii dheeraan booda abbootiin qabeenyaa hoteelaa 'foon booyyee akka inni nyaatu barani' ilma mootii musliimaa tokkoof foon booyyee nyaachuun shakkii isaan keessatti uumnaan garee eegdotaa isa sakatta'an irratti ramadan boodarra dhimmicha mootummaan federaalaa biyyattii qorachuu jalqabe.
Giignaak dhimmota himatameen balleesaa dha jedhame.
Orshaan ''haqni warra miidhameef ni taha'' jedhan.