Haroo Xaanaa keessaa ilbiisonni boocee balleessuuf dhufan 'hin banne'

Yunivarsiitii Baahirdaar keessatti bakka gosti ilbiisaa 'wiivil' jedhamu itti horu jira. Bakki kuni ho'a ilbiisonni kuni fedhan kennuun alatti waan sooratan, aramaa boocee, of keessatti qabateera.
Bakki itti horan kuni huccuu irraa kan hojjetame yoo ta'u baaxiin isaa gama tokkoon baqaqeera.
Yunivarsiitii Baahirdaaritti barsiisaafi qorataa kan ta'an Gargaaraa Pirofesar Getaachaw Banabbaruu akka jedhanitti waa'een ilbiisonni kuni badaniiru jedhame miidiyaa hawaasummaa gubbaa haasawamu dhugaa miti jedhu.
Naannoo Amaaraatti daarektarri itti aanaa Abbaa Taayitaa Eegumsaafi Misooma Naannoofi Binensota Bosonaa kan ta'an Obbo Balisti Faxxananis yaada qorataa kanaan waliigalu.
Miidiyaa hawaasummaa gubbaa ilbiisonni 600 ta'an dolaaraan Yugaandaa irraa bitamani dhufani jedhu hangam dhugaa akka ta'e kan gaafanne Dr Getaachaw ''dogongorri asirraa eegala,'' jedhu.
Akka isaan jedhanitti ilbiisonni kunneen waggaa lama dura warshaa sukkaaraa Wanjiirraa dhufan. Barataa digirii 3ffaa baratuutu qorannoof fide.
Barataan kuni qorannoo isaa waan xumuref warshaan sukkaarichaa ilbiisota 150 yunivarsiititti kenne. ''Ifa aduu waan hin jaalanneef, halkan fidnee dhufne,'' jedhu.
Achi geessuu caalaa bakka qubatan sana baruu waan rakkiseef muraasni du'u kan dubbatan qorataan kuni ji'oota torba dura lakkaawaamani kuma lamaa ol akka ta'aniifi yeroo ammaa lakkoofsi isaanii kana akka caaluu danda'u tilmaamu.
Gosoonni ilbiisotaa hundi badaniiru isa jedhu irrattis dhugaa akka hin taane himuun sababoota lafa kaa'u.
Ilbiisonni kunneen balali'uu hin danda'an. Kan bakkaa bakkatti socho'anis halkaniini. Osoo olii gadi deemanis meetira muraasa qofa deemu jechuun kan himan qorataan kuni bakkaa bakkatti socho'uuf humna bishaaniin fayyadamu jedhu.
Baaxiin baname xiqqoo waan ta'ef yeroosuma suphamuus himu.
Obbo Balistiin gama isaaniin ''Baaxiin osoo jiraatuu baates lafa dhaqan hin qabani, boocee malee jiraatuu hin danda'an. Miidiyaa hawaasummaa irratti wanti barraa'eefi saayinsichi wal hin argu,'' jedhu.

Ogeessi kuni akka ibsanitti waggaa 20 dura booceen Ugandaatti mudate ture. Kana to'achuuf maloota hojiirra oolchan keessaa ilbiisota kanneen fayyadamuun tokkodha.
Muuxannoo kana irraa baruuf ogeessonni shan gara Ugaandaa imaluu isaanii himani kanaan ala imalli taasifame akka hin jirre dubbatu.
Ilbiisonni kunneen kan isaan jiraatu danda'an boocee sorachuun qofa akka ta'eefi midhaan qonnaan bultootaa akka hin miine dubbatu.
Gara haroo Xaanaa yeroo seenanis biqiltoota nannoo sana jiran irratti qorannoo taasisneerra. Shankoraa, jimaa, muuzii, baaqelaafi ruuzii irratti yaallee dhiibbaa homaatu hin fidne,'' jedhu Dr Getaachaw.
Akka isaan jedhanitti osoo dhuma midhaan irratti qubatanis carraan du'uu isaanii guddaa dha. Midhaan sana sooratanis hanqaaquu busuu waan hin dandeenyeef hin horan.















