Saantimnii warra Roomaa durii ijaarsa daandii irratti argame

Madda suuraa, Highways England
Saantimni warra Roomaa gosti isaa kana dura takkaa qofa argame, ijaarsa daandii 'A' jedhamuu irratti argame. Saantimicha irratti suuraan mootii Roomaa ji'a sadiif bulchee anceefameera.
Mootichi Ulpius Cornelius Laelianus bara 269tti dhaloota kiriistoosiin dura ajjeefame.
Saantimichi daandii guddaa A14 jedhamu maallaqa yuroo biiliyoona 1.5nin Ingilaanditti magaalota Kaambiriijiifi Haantiingdan wal-quunamsiisuuf ijaaramu irratti argame.
Arkiiyolojistiin saantimicha argatan Istiiv Sheerlook argannoon gosa kanaa Ingilaanditti kana dura al tokko qofa mul'ate jedhan.

Madda suuraa, Highways England
Saantimni mootiin gonfoo calaqqisaa keewwate irraa mul'atu daandii xiyyoo maasaa warra Roomaa keesstti argame.
Ogeessi saantimaa Juuliyaan Boowshar ''mootoleen Roomaa saantimaa haaraa maxxansuu ni jaalatu-haa tahu malee mootii baatii lama qofaaf aangoorra tureef yeroo gahaa hin turre'' jedhan.
''Saantimoonni kuni otoo homaa itti hin bu'amiin qarqara daangaa Biriiteen kan gahan yeroo mootichi ajjeefameetti tahuu hin oolu'' jedhan.
Mootichi aangoo humnaan fudhachuun impaayara amma Jarmaniifi Firaans gidduu jiru seera durii cabsuun bulchaa ture. Ergasii loltootuma isaan ajjeefame.
Saantimnii biraa Firaans ammayyofte keessatti 57BCtti maxxanfames argameera. Kunimmoo, didddaa warri Biriitish mooticha Juuliyas Qeesaar irratti taasisan gargaaruuf egame jedhama.

Madda suuraa, Highways England













