Qunceen gosti mukaa Chaayinaa attamiin qarshii waraqaaf daandii akka itti bane

Maarkoo Pooloo

Madda suuraa, Getty Images

Gara waggoota 750 dura daldalaa dargaggeessi lammii Veenetin maqaansaa Maarkoo Poloo jedhamu waa'ee seenaa imala isaa Chaayinaa tartiibaan kitaaba barreesse.

Kitaabni dinqisiifannaa addunyaa sunis duudhaawwan haaraa kan warra biroo Maarkoon aka argee dubbatuun kan guutameedha.

Garuu tokko waan addaatti. Maarkoo akka jechuun dubbata waa'ee isaa: ''Akkan tureatann hime'' jechuun barreesse. ''Dhugaafi sababiin daangeeffamu kiyyatti gonkumaa hingamman ta'a.''

Maarkoon maaltu akkas dinqee? Innis nama Awurooppaa ogummaa dinagdee ammayyaa'aaf bu'uura ta'e arguuf kan jalqabaati: kunis maallaqa waraqaa.

line

Haa ta'u malee waraqaan mataa isaatiin dhimma dubbii miti. Maallaqni waraqaa bara kanaa kan waraqaa irraa hojatame miti. Kan plaastiika ykn jirbii irraa kan hojatameedha.

Maallaqni Chaayinaa Maarkoon akkasiin ajaa'ibsiisee mataansaa waraqaa hinturree.

Innis kan quncee gosa mukaa irraa hojatamuun Mootii Chaayinaa Kunlaayi Khaan mataasaa dabalatee kan qondaaltoota baayyeen itti mallateefame ture.

Siidaa Kuublaayi in Ulaan Baator, Mongooliyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kuublaayi Khaan qunceen gosa mukaa mallattoon motummaa itti taasifame qarshii ta'usaa labsanii turan.

Kutaan kitaaba Maarkoon Poolo , afuura baafachu dadhabuu: "Khaan olaanaan attamiin quncee makaa gara waan waraqaa fakkaatuutti geedaruun maallaqa biyya isaa hundatti dabarsuuf danda'ee,'' jedha.

Dhimmisaa nootiin kun waanuma barbaadame irraa yaa hojataman iyyu garuu, gatiin isaanii olaantummaa dhimma isaan irraa hoajanii kan akka warqee ykn meetii irraa kan argamee ta'u dhiisuu isaati.

Kana irraayyuu, gatii kan uumamee aangoo mootummaa qofaan.

Sirna 'dandeettii cimaa'

Maallaqni waraqaa yeroo tokko tokko 'maallaqa ajajaa' jedhama. Kunis afaan laatiiniin 'yaa hojatamu', jechuudha. Kanaaf, mootiin Khaan qunceen mukaa seeraan chaabbeefame maallaqaa jechuun ragaasan. Maallaqa jechuun kana jedheen.

Haalli dandeettii sirna kanaatii Maarkoon, nama maallaqni waraqaa akka waan warqee ykn meetiitti kan dinqisiise ture. Warqeewwan naannawaa hinturee hundi eessa turanii? Eeyyee, Motichatu isaan to'atee ture.

Wayita Maakroon waa'ee isaa dhagahuttis maallaqni waraqaa mataansaa haaraa hinturre. Innis kan jaarraa sadiin dura gara waggaa 1000 Sichu'aan, Chaayinaa keessatti ka'ee tureedha.

Mandarri Sichu'aan kan ormaan daangeefamtuufi tasgabbii hinqbne waan ta'eef, bulchitoonni Chaayinaa wanti gatii qaban kan akka warqeefi meetii gara lafa ollaatti akka darban waan hinbarbaanneef jecha seera kana baasa. Sichuu'aan akka maallaqa saantima sibiila irraa hojatameetti fayyadaman.

Saantiimni Chaayinaa bara Bulchiinsa Soongi ( 960- 1279

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saantiimni Chaayinaa bara Bulchiinsa Soongi ( 960- 1279) bara 2005 keessa argaman

Saantiima sibilaa baayyee hinjibamne. Osoo saantima meetii harka guutuun giraama 50 kan nagadatan ta'ee, santiba hanga qaama keetii ulfaatu siif kennama ture.

Kanaafuu, osoo waa bitachuuf gara suqii deemtanii saantimni jooniyaa guutuu tarii kan meeshaalee isiin bitatanii caalaa ulfatuu baachu qabaachu isiin barbaachisa ta'a.

Akka Wiliyaam Gootzamaan kitaaba isaa 'Maallaqni waan hunda geedaree jira' jedhu keessatti daldaltoonni Sichuu'aan rakkinatu mudate jedheera.

Kanaafuu filmaanni ture ''ji'aahozii' ykn '' nagahee idaa' ture. Saantima jonyaa guutuu baachu irraa daladlaa beekamaan waliigaltee (IOU) barreessuun wayita nama hundaaf mijatuutti liqaa isaa akka kanfalu waadaa gala.

Yaadni isaa kana ture. garuu booda keessa waan akka falafala dinagdee wayitu ture. Ji'aahozii ykn IOU akka bilisaan daldalamu taasisan. Fakkeenyaa osoon ani meeshaa ta'e kan dhiyeesse ta'e, abbichis IOU naa kenna. Booda yoo suqii kee gahu ammoo, saantimaan siif kanfaluu irra IOU siif mallatteessa.

Maallaqa waraqaa bara durii

Garuu, baayyee salphaa waan ta'eef ni jaalattu. Osoon suuqii keessan dhufuun IOUn ofii fudhadhe sana isiiniif kennee, lamaan kenyayyu meeshaa maallaqaa ta'usaa ni hubanna jechuudha.

Kana jechuunis, ani, isiiniifi abbichi ani itti gurgure sun maallaqa waraqaa bara durii uumne jechuudha. Kana jechuunis waadaa boodarra kanfaluuf namoota irraa gara namootaatti darbuuhda.

Kunis maallaqa saantibaa irraatti chaappaa rukutuun osoo hinbarbaachifne ittiin nagadachu dandeeessisa.

Haala gaariidhaanis, namoonni liqaa dhala malee akka argachuun daanneessaan daldalaa itti fufan gargaara.

Aangoowwan Chaayinaa bu'aalee kanneen yoo yaadan kan nama dinqisiisu hinta'u.

Jalaqabas omishamu ji'aahozii seera itti baasan. Garuu booda ji'aahozii dhunfaa seeraan ala taasisuun daladala hunda ofuma isaanitiin dhuunfata.

Tarkaanfii Hammayaa'aa

Maallaqni seera qabeessa ji'aahozii naannichaafi sadarkaa addunyaatti socha'uun olaanaa ture. Ji'aahoziin baachuuf baayyee salphaa waan tureef saantima sibilaa caalaa dursaan ittiin nagadamaa ture.

Jalqabattis, akkuma kan dhuunfaa tureetti ji'aahozii yoo barbaadame saantimaan akka jijjiramuuf motummaan labse. Kunis fudhatamaa ture. Noottiin waraqaa waan dhugaa gatii qabuuf akka bakka bu'u karaa baneefira.

Boodara garuu motummaan tarkaanfii hammayyaa'aa fudhate. Maallaqni nuti hundi keenya addunyaa guutuutti ittiin dhimma baanuus kan uumamee baankii jiddu galaatiin. Kan ka'umsa ta'eefis ammoo nootii maallaqaa isa durii kan haaraatiin bakka buusuuf sochii taasifameen qofa ture.

Nootii maallaqaa Baankii Biritishi jedhamuun beekamu, kan Baankii Inglaandiin bara 1699tti baheedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nootii maallaqaa Baankii Biritishi jedhamuun beekamu, kan Baankii Inglaandiin bara 1699tti baheedha

Haala bara waadaa mallaatteessuun daldalamu irraa gara gara kanatti ceeneerra.

Qoormaata dhaangaa dhabee

Maallaqni ajajaa motummaadhaaf qormaata ta'ee ture. Motummaan idaan irra jiru callisee birrii baayyee maxxansu danda'a.

Yoo maallaqni baayyeen mi'a fi tajaajilawwan walfakkaata babrbaadu ammoo gatiin ol ka'a.

Booda booda keessas qormaatichi haala itti hin dandamanne irra gahamee ture.

Motummaan bulchiinsa Songi Jii'aahoziiwwan hedduu omishee waan tureef maallaqa sobaa to'achuuf rakkisaa ta'ee ture.

Bara jaaraa 11 ffaa keessa erga Jii'aahoziin umamee baroota kurnana muraasa keessatti dandeettiin bittaa isaa waljalaan hir'achaa deeme.

Biyyoonni biraas balaa kana caaluuf saaxilaman. Weyimaar, Zimbaabeefi Jarman maallaqa baayyee maxxansu isaanitiin dinagdeen isaanii waan kufeef biyyoota biraatiif fakkeenya kufaatii ta'anii turan.

Haangaariinis ALA bara 1946tti kufaatii dinagdee addunyaatti kan olaanaa taate keessumeesite. Sochiilee guyyaa guyyaatiinis gatiin mi'aa baayyee dabaluu eegale. Mana Shaayi seenuun buna dhuguuf osoo barbaadanii gatiisaa dursanii yoo kanfalame malee hanga dhugamee xumuramutti gatiinsaa dabalu danda'a ture.

Noottii doolaara Zimbaabwee tiriliyoona dhibba tokkoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabwee kufaatii dandeettii maallaqaa olaanaa keessa dabartee jirti

Daladala warqee

Kunis baayyee kan hinbarmne garuu qqamooleen duggina dinagdee leellisan jijjirraan maalaqaa dinagde tasgabaa'aa uumu akka danda'u amansisee ture.

Kanaafuun maallaqn waraqaa daldala warqeetiin akka hojiirra olfamu fedhii agarsiisan.

Maraa warqee Baankii Bundis Jarmaniitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Warqeen waggoota kumaatamaaf akka maallaqaati tajajileera.

Haa ta'u malees, oggeessooni dinagdeee dhiyeessitii maallaqaa warqee waliin walitti hidhuuf yaada yaarii akka hintaane tilmaamuu.

Oggeessoonni baankii jidduu galaa yeroo hunduma maallaqa barbaadamu qofa maxxansu jechuun amanu baannu illeen, hameentaa warri warqee qotan ni argatu jechuun tilmaamamu irra akka fooyya'u ni yaadu.

Erga kufaatii maallaqaa bara 2007tti Awuroppaanoota mudateen booda, kuusaan federaala Ameerikaa osoo kufaatiin hinmudatiin dura doolaarota tiriiliyoonaan gara dinagdeetti galchu dnada'eera.

Doolarroonni kunneenis haala sirna baankii addunyaatiin furtuuwwan kompitaraa muraasa qofa cuqaasuun kan omishaman turan.

Kanaafuu, haala ibsa Maarki Poolootiin '' Baankoonni jiddu galaa olaanaa jechoota kompitaraatti fayyadamuun wantoota akka waraqaa fakkaatan uumuum akka maallaqaatti dadabarsu.''

Teeknoloojiin ni geedarama; haalli maallaqni ittiin dadabarfamu ammoo yeroo hunda nu dinqisiisuun itti fufa.''