Gaaffiifi deebii qaccarriif taasifamu dura wantoota beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota dheeraaf erga barattaniin booda damee ittiin leenjitaniin hojii argachuuf baayyee rakkattu ta'a. Kana malees dhaabbileen qacaran maal akka barbaadan hubachuu dhiisuun caalaa dhimmicha cimsa.
Maloota hojjatoonni ittiin qacaraman yeroodhaa gara yerootti geggeeddarama yoo ta'u, gaaffiifi deebiin fuldura taasifamu ammoo hunda caalaa kan qaccarriif itti fayyadamamuudha.
''Gaaffiifi deebiin kallattii hojjataa qacaruuf mala ittiin sirriitti hojjataan adda baafamuudha'' kan jettu Jeen Tiipan ogeettii humna namaa 'Lloyds Banking'ti.
Namoota duratti yaada ibsachuufi gaaffiiwwan deebisuu danda'uun carraa namni tokko hojii argachu ni murteessa jetti.
Qabxiiwwan muraasa tibba gaaffiifi deebiitti gargaaran keessaa:
1. Waa'ee waajjira itti qacaramuuf deemtanii sirriitti qoradhaa

Madda suuraa, Getty Images
Dhumarratti hojii barbaaddan argattanii gaaffiifi deebiif yoo qaqqabdan, gaaffiichaaf dhiyaachuun dura waa'ee dhaabbatichaa sirritti qoradhaa.
Kan ilaalu qabdanis dhaabbatichi maal akka hojjatu? Galiin waggaa saa hangam akka ta'e? Ittigaafatamaan eenyu akka ta'e? gaaffilee jedhan deebii argachu qabdu dursaan.
Waa'ee dhaabbatichaa qorachuuf marsariitii isaanii irraa eegaluun hojii isiniif salphisa. Isaan alattis nama gaaffii isiin waliin taasisuu beekun gaarii ta'a.
Erga gaaffiifi deebiin xumurameen boodas gaaffii gaafachu dandeessan qopheeffachuun fedhiifi beekumsa waa'ee dhaabbatichaa qabdan waan agarsiisuuf carraa qacaramuu keessan bal'isa.
2. Gaaffilee gaafachuu dandeessan shaakalaa

Madda suuraa, Getty Images
Gaaffii osoo hingaliin dura gaaffilee na gaafachu danda'u jettan kaasuun deebisuu shaakalaa. Gaaffiiwwan deebisuun kan isinitti ulfaate yoo ta'e, marsariitiiwwan isiin gargaaru danda'an ilaalaa.
Deebii yoo qopheessitan muuxannoowwan hojii kana dura dabarsitan keessaa akka fakkeenyaatti eeruun yoo ta'e ni filatama. Fakkeenyaaf, yoom, eessaa fi attamiin akka raawwatan eeruun gadi fageenya kennaafi.
Akkasumas muuxannoon duraan isiin qabdan carraa keessan bal'isa.
3. Uffannaa qalbii namaa hawwatu uffadhaa

Madda suuraa, Getty Images
Haalli isiin jalaqaba itti argamtan boodas murteessaadha.
Qacartoonni tokko tokkoos murtee kan taasisan sakandiiwwan 30 jalqabaatti. Jalqabatti qalbii mindeessitoota kan hin haawwanne yoo ta'e, deebiiwwan dinqisiisoo ta'an deebistan iyyuu carraan hojicha argachuu keessan gadaanaadha.
Dhaabbatichi filannoo uffannaa qabaachu baatulleen guyyaa qorannoo gaaffiifi deebiitti jiinsii uffachuuf hin gorfamtan. Mindestoonni yeroo baay'ee qacaramaan akka uffannaa ogummaa hojii (professional) uffatan barbaadu. Dhiiraaf uffannaa suufiifi kaarabaannii ni filatama.
Gaaffiif deebii salphaa yoo ta'e ammoo uffata qulqulluu yoo uffattan ni filatama.
4. Haala itti harka fuutan sirreessaa

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo baay'ee kan xiyyeeffannaa itti hinkennine yoo ta'eelleen mindeessitoonni haala harka itti fuutaniin isiin tilmaamu danda'u.
Harka fuchuun cimaafi sirriin akka ofitti amantuu, nama hojii fi waa'ee ilaalcha ofii keessanii qabdan kan mul'isuudha jedhamee yaadama. Haa ta'u malee, akkitti harka fuudhan cime jennaan ammoo amala olaantummaa akka qabdan mul'sa. Gama biraatiin, harki keessan kan hincime yoo ta'e ijaa laafummaa fi amala saalfachu akka qabdan hima.
Kana fooyyeessuuf ammoo hiriyaa keessa nagaa gaafachuun shaakalaa.
Guyyaa qormaataa gaaffiif deebiitti nagaa yoo gaaffattan ija keessa ilaalu hindagatiinaa. Harka fudhuun duras dafqa harka keessanii haaxaawwachuu hindagatiinaa.
5. Seequu

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo dhiphannaa fi yaaddoo keessa jirtaniitti kan biraa hafee maqaa keessanu himachuuf irraanfachuu dandeessu.
Seequun haala salphaatti nageenya dabarsuu yoo danda'u, ''asitti argamu kiyyatti gammachuu olaanaatu natti dhagahama,'' jedhu. Kanaafu, yeroo karra saaquun itti ol seentanii kaasee fuula keessan irraa osoo gammachuufi seeqni hin bannee ta'ee carraa keessan bal'isa.
Haala ta'umsa qaama keessan ilalchisees sirriin taa'uun seequun dabalatee ilaalcha gaarii isiiniif kennisiisa.
6. Dhiphachuu carraa akka isiin dhabsiisuuf hintaasisiinaa

Madda suuraa, Getty Images
Adrenaalin (Adrenaline) akka hojii cimaa ykn hojii dadhabaa raawwatan nu taasisuu danda'a.
Wayita gaaffiichaaf dhiyaannutti gaaffiiwwan beeknuu hundi nu harka badu danda'u. Kana malees, harka keenyaa ofi rukutuu, yoo nu dafqisiisuus namootatti mul'achu danda'a.
Isiinis dhiphannaan akkasi kan isiin rakkisu yoo ta'e, qorannnoo gaaffiitiin dura wantoota akka afuura dheeraa fudhachuu ofi tasgabbeessu shaakalu qabdu.
7. Maaltu akka adda isiin taasisu dubbadhaa

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa konstiraakshiin kan ta'an Mermot Ronii ''gaaffiifi deebiin fuldura taasifamu namoonni waa'ee isiin umama addaa, fedhiifi amala isaanii akka dubbataniif carraa kennaaf. Tibba sanattis waa'ee keessan gadi fageenyaan beeksisuu qabaattu'' jedhu.
Kana malees, hojicha argachuuf hangam akka barbaaddan, dhaabbaticha hangam akka jaalataniifi maal hojjachu akka barbaaddani ibsuun gaariidha.
8. Abdii hinkutiinaa

Madda suuraa, Getty Images
Gaaffiichi haala eegdanii isiiniif deemuu baatulleen hojiicha akka hinargammee murteessuun waan dubbachu qabdan irraa boodatti jechuun hinbarbaachisu. Namoonni gaaffii isiiniif taasisaniif akka waan isiin hinjaalenneetti isiinitti dhagahamu danda'a. Ta'us murtee jaraa osoo hindhagahiin hinmurteessinaa.
Mindeessaan kan barbaadu deebii keessan itti aanu ta'u waan maluuf gaaffiiwwan hundaafu waan gaariidha jettan deebiisurraa hinqusatiinaa.












