Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Hojiin dhala namaa ajjeesaa jira"
Pirofeesarri Yuunivarsitii Istaanfoord Jefireey Feefar "hojiin dhala namaa ajjeesaa jira" wayita jedhan jechamaan dubbachuu isaanii miti.
Pirofeesar Feefar kophaa isaanii akkasumas namoota kaan waliin ta'uun dhimmaa hoggansaa fi bulchiinsa humna namaa irratti kitaabota 15 barreessanii jiru.
Hayyoota bulchiinsaa jabana kanaa keessaa tokko akka ta'an himamaaf.
Kitaaba "Dying for a Paycheck" jedhu bara darbe maxxansiisaniin, hayyuun kun haalli hojii jabana kanaa - sa'aatii dheeraa hojjechuu, sababa hojiin maatii waliin wal dhabuu fi diinagdeen of danda'uu dhabuun fayyaa hojjetootaa balaaf saaxilaa jira jedhu.
Kitaabni pirofeesar Feefar namticha lammii Jappaan Kenjii Hamadaa jedhamu akka fakkeenyaatti kaasa.
Namni kun dhibee onneen kan du'e yoo ta'u torbanitti sa'aatii 75 hojjetaa ture. Gara lafa hojii deemuuf ammoo guyyaatti sa'aatii lamaaf geejjibaan imala.
Osoo hin du'iin dura guyyoota 40 walitti aansuun hojiirra ture.
Fakkeenyota hedduu kitaabicha keessatti eeraman keessaa kun isa tokko qofa.
Akka qorannoo pirofeesara kanaatti, hojjettoota Ameerikaa keessaa dhibbeentaan 67 dhiphinni akka isaan dhukkubse amanu, kanneen keessaa dhibbeentaan 7 dhibee hojiin wal qabateen hospitaala galaniiru.
Waggaatti dhiphuu hojiin wal qabatuun hojjettoonni 120, 000 Ameerikaa keessatti ni du'u jedhu Feefar.
Eenyutu itti gaafatama?
Kaampaniiwwan akka baankii fi inshuraansii keessatti hojiirraa bahanii dhaqna dhiqatanii hojiitti deebi'uun aadaa baratamaa ta'aa dhufeera jedhu.
Sababa kanaan hojjettoonni araada qorichawwan sammuu nama hadoochan addaa addaaf saaxilamu jedhu.
Hojileen hedduun daangaa yeroo hin qaban kan jedhan pirofeesar Feefar, hojiin sababii du'aa gurguddoo keessaa sadarkaa 5ffaa irra jira jedhu.
Kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu warraa hojjechiisaniifi dhimma kanarratti homaa gochaa kan hin jirre mootummaadha jedhu.
Hojjettoonni maal gochuu qabu?
Dursa hojjettoonni fayyaa ofii isaanii tikfachuuf itti gaafatama fudhachuu qabu.
"Lafa madaala dhimma maatiifi dhimma hojii eeguun siif hin hayyamamnetti hojjetta yoo ta'e dhiistee deemuu qabda."
"Namoonni tokko tokko dhiisnee deemuu hin dandeenyu jedhu."
"Ani wantin jedhu: Yoo kutaa aaraan guutame keessa jirta ta'e bahuuf yaalta, bahuu baannaan fayyaa kee irratti rakkoo fida."
Dhimma kanarratti seeronni akka fooyya'an gamtaan socho'uunis barbaachisaadha.