Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ODP: 'Dudhaan waliin jiraachuu ergama humnootaa diigumsaaf bobba'aniin hin gufatu!'
Oromoo Dimokiraatik Paartiin (ODP) rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa godina Saba Oromoofi aanaalee ollaa Shawaa Kaabaatti tibba kana uumame ilaalchisee ibsa baaseera.
Ibsichi humnootiin siyaasaa tokko tokko haala mijataa dirree dimokiraasii ball'ate fayyadamuun haala qaroomeefi naga qabeessa ta'een ajandaa siyaasa isaanii adeemsifachuu dhiisanii ilaalcha sabummaa akka malee leellisuu qabatanii ka'an jedha.
Kana gochuudhaan, qabsoo siyaasaa seeraa qabeessaafi karaa nagaa sochii seera-maleessummaafi tooftaa walitti bu'insaa waliin makuudhaan socho'aa jiraachuun mull'achaa jira jedha.
Seenaa biyya keenyaa keessatti haala argamee hin beekneen dirreen siyaasaa ball'atee qaamni kamiyyu bilisummaan gurmaa'uu, ajandaa siyaasaa karaa nagaa ta'een akka adeemsifatu, sabaafi sablammoonni biyya keenyaa kan qabsaa'aniifi kan aarsaa itti kaffalan sirni dimokiraasii dhugaa akka dhugoomu hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru.
Bu'aawwan abdii namatti horan qabatamaanis mul'ataa jiru jedha ibsi kun.
Humnoonni siyaasaa kunneen garuu carraa uumame kana fayyadamuun humnoota siyaasaa kasaaran waliin qindaa'uudhaan saboota barootaaf jaalalaan waaliin jiraataa turan walirratti kakaasuurra darbee ajandaawwan walitti bu'insa ittiin uuman tolfatanii lammileen nagaa ibiddatti naquudhaaf hojjechaa jiru jedha.
Kan gochuudhaan, walitti bu'insa dhuma hin qabne biyyattiin keessaa bahuu hin dandeenye keessa galchuudhaan sochiin jijjiiramaa biyyattiin itti jirtu akka hin milkoofne taasisuuf kaayyoo isaanii isa jalqabaa godhatanii socho'aa jiru jedha ibsi kun.
Tibba kana naannoo Amaaraa Godina Bulchiinsa Saba Oromoofi Kaaba Shawaa naannichaa aanaalee tokko tokko keessatti kakaasuu humnootii kanaan walitti bu'insi kan uumameen lubbuu namootaa, qaamaafi qabeenya irraan miidhaa geessisuun isaa ni yaadatam.
ODPn warra lubbuun darbe, warra qaamaa miidhamaniifi qabeenyi jalaa manca'eef gadda guddaa itti dhaga'ame ibsaa gocha badii kana cimsee balaaleffatachuu kaasa.
Badiin daldaltoota siyaasaa dhiiga sabaatiin daldalaniin qaqqabe bifa kamiinuu fudhatama kan hin qabneefi saba kamiiniyyu kan bakka hin buune ta'uus agarsiiseera ibsichi.
ODP'n ibsa isaa kanaan warreen walitti bu'insa kana qindeessaniifi keessatti hirmaatan seeratti dhiyeessuudhaaf sochii qaamoleen ol-aantummaa seeraa kabachiisuudhaaf taasisan kamiyyu akka milkaa'uuf paartiin keenya deggersa hunda ni taasisa.
"Paartiin keenya ODPn rakkoon uumame akka tasgabbaa'uufi rakkoon walfakkaatu akka irra deebi'ee hin uumamne ittisuudhaaf Paartii Dimokiraatawaa Amaaraa (ADP) waliin ta'uudhaan hojjechaa jira."
Akka ibsa kanaatti, humnoonni gocha badii hamaa kanaan machaa'an, ibiddi badii tibba kana qabsiifamee walitti bu'insa sabaafi saba gidduu fakkeessuufi gara naannoo Oromiyaatti akka babal'atuuf taasisuun barootaaf saboota Oromoofi Amaaraa waliin jaalalaafi tokkummaan jiraataa jiran gidduutti uumuun bu'aa siyaasaa kan yeroodhaaf ta'e argachuuf socho'aa akka jiran beekameera.
Gochaafi yaaliin saboota obbolaa barootaaf waliin jiraatan walitti buusuudhaaf taasifamu fashalsiisuudhaa ni hojjenna. Waliin jiraachuu baroota hedduudhaaf saboonni qaban cimsuun ol-aantummaa seeraa kabachiisuudhaan shira hamaa kanaa fashalsiisuudhaaf ODPn ar'as akkuma kaleessaa ciminaan hojjeta.
Carraa kanaanis sabni Oromoo aadaa hammachuu ittiin beekamuun saba obboleessa isa ta'e saba Amaaraafi sabaafi sab-lammoota biroo waliin tokkummaa qabu jabeeffachuudhaan, naannicha keessatti walitti bu'insa saboota gidduutti humnoota badiidhaan uumamuudhaaf shira xaxama jiru saaxiluun fashalsiisuudhaaf akka socho'u waamicha dhiyeesseera.
ODPn Oromiyaan kan sabaafi sablammoota hundaa akka taate ni amana jedha ibsichi. "Sabaafi sablamoonni naannoo keenya keessa jiraatan hunduu boqonnaa jijjiiramaa amma irra geenye akka qaqqabnuuf saba Oromoo waliin tokko ta'uudhaan ODP waliin hiriiranii qabsaa'aniiru. Haarsaa qaqqaaliis kaffalaniiru."
Paartiin keenya ODPn carraa kanaanis kabaja guddaa dhiyeessuu fedha.
Ibsi ODP dhuma irratti, "paartiin keenya ODPn humnoota akka malee leellistota ta'aniifi kan warra siyaasa kasaaree qabatanii sochii haaromsaa kana dura dhaabbachuudhaaf taasisan, lammileen Itoophiyaa biyya isaanii jaallatan hundaafi humnoota jijjiiramaa waliin ta'uudhaan ciminaan kan irratti qabsoofnu ta'uu irra deebinee ni mirkaneessina," jedha