Haleellaa naannoo Affaariin duuba kan jiru eenyu?

Naannoo Affaar Aanaa Afambo jedhamutti hidhattoota ollaarraa dhufan jedhamaniin torban darbee Bitooteessa 25 fi 26 keessa haleellaa raawwatameen miidhaa qaqqabeera.

Haaleellichis kan raawwatamee humnoota karaa Jabuutii fi Somaaleelaandiin galaniin jechuun ittigaafatamaan Komunikeshinii naannichaa Obbo Ahimad Kaaleyitaa BBC'tti himaniiru.

Jiraataa Loogiiyaa kan ta'an Obbo Abdu Alii Mohaamad gama isaanitiin haleellaan kun kan raawwatame ganda Asaayitaa irraa fageenya km 80 argamtuutti jedhaniiru.

Kana malees qaamooleen miidhaa qaqqabsiisan kunneeis yeroo garaa garaatti bakkeewwan Gadaamaayitu fi Indifoo jedhamanitti haleellaa raawwataa turuu himu Obbo Abduun.

Naannichatti humni ittisa biyyaa jiraachusaa kan himan Obbo Abduun, ji'a tokkoon duras Andufoo irratti alaabaa Affaar buusuun gubusaaniifi humna nageenyaa naannicha ture irrattis halleelaa banusaanii dubbatu.

Isaan boodas daangaalee naannichaa garaa garaa irratti miidhaa akka geessisan dubbatu.

Naannicahtti daandiin kontirobaandii naanawa Gadaamaayituu hanga Hargeessaa wal qunnamsiisu jiraachusaa kan dubbatan jiraataan kun, Gadaamaayituun akkuma Togocaalee daldala kontorobaandiin beekamtu ta'ulleen himaniiru.

Daldalli kontorobaandii naannichatti ifati kan gaggeeffamu ta'ulleen daandiileen kontrobaandii keessuu wal qunnamsiisan jiraachunsaanii horsiisee bulaa naannichaa balaaf saaxileera jechuun BBC'tti himaniiru.

Miidhaa dhiheenya kana qaqabeenis guyyaa Wiixataa qamooleen kunneen naanncha akka turaniifi harsiisee bultoonni gaala barbaadaa turan akka tasaa naannicha wayita gaha isaaniitti dhukaasa banuun battalumatti lubbuun naama tokko darbuu fi namni tokko ammoo miidhanu mirkaneessaniiru.

Isaan boodas hidhattootafi horsiisee bultoota jidduu dhukaasni itti fufuun guyyaa itti aanuu hidhattoonni naannicha gadhiisanii baqachuu himu Obbo Abdiin.

Ittigaafatamaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa Obbo Ahimad Sulxaan qabeenyaafi lubbu namaarraaa miidhaan qaqabuu mirkanneessaniiru.

Obbo Ahimadis guyyaa miidhaan qaqabeetti Aanaa Dubtii eddoo Gawaalii jedhumtti jiraattoota ree'ee tikfachuuf achi turan irratti dhukaasni banamuu isaafii booda keessa jiraattoonni naannichaa ofii ittisuuf jecha dhukaasa bannaan qaamoolee dhukaasicha bananii turan baqachusaanii dubbatu.

Walitti bu'insichi kan raawwatamee Aanaalee Dubtii fi Asaayitaatti keessa galamee ta'usaa kan himan itti gaafatamaan kun, knkolaataan fe'umaa tokko to'annaa jala olfamuu fi afur garuu baqqachu himaniiru.

Daandiiwwan kontiroobaandiif itti fayyadaman kan akka Jabuutii gara Andafoo, Gadaamaayituu fi Adaayituu geessan jiraachusaanii kan mirkanneesan ittigaafatamaan kun, wayita miidhaan kun qaqqabeetti neetworkiin bilbilaafi daandiin jiraachuu dhibuunsaa turanii dhimmicha akka dhagan dubbatu.

Meeshaale waraanaa dabalate naannichatti daldalli kontirobaandii olaanaan akka gaggeefamu ragaa akka qaban BBC'tti himaniiru.

Gareewwan kunneenis horsiisee bulaaa Afaar irratti halleellaa banuuf qophaa'un kan dhufan fakkaatu kan jedhan Obbo Ahimad, qaamoolee miidhaa qaqabsiisan kunneenis nyaata ruuzaa sooratan fi sukkaara akkasumas qorqoorroo fi simintolleen qabachuun akka dhaqan himu.

Kana malees kaartoonniwwan qaamooleen kunneen xiyyiitii itti qabatanii turan naannicha qabamu himu.

''Hidhatoonni naannichatti buufata ijaarachuuf kan dhufa fakkaattu''kan jedhan itti gaafatamaan kun, konkolaataan ro'annoo jala olfamees gabatee lamatti akka fayyadamaa jiru himu.

Fulduraan ET3 kan jedhu kan biyya keenyaa yoo ta'u, duubaan ammo gabatee Somaaleelaandii akka qabu himu.

Itti gaafatamtoonni dhimmi nageenyaa fi tasgabbii fi Komunikeshinii lamaanuu akka jedhaniitti, haalleelichi qaamoolee ofi ijaaraniin kan qaqabee ta'uusaatiif ragaalee mul'isan jiru jedhu.

Alaabaan al-shabaab, aguuggii fuulaa, lakkoofsa gabatee Somaaleelaandii fi waraqaa eenyummaan Jabuutii argamus ibsu.

Itti gaafatamaan dhimmi nageenyaa naannichaa itti dabaluun akka jedhaniiti, lammiin Jabuutii magaalaa Asaayitaa jiraataa ture tokkos halleelichaa walqabatee to'annaa jala olfamuu himu.

Kunis walitti bu'insaa horsiisee bultootaa naannichaa jidduutti barame akka hintaaneef raga akka qaban kan himan itti gaafatamaan biiroo nageenyaa naannichaa, naannichi kana duras miidhaa wal fakkaatu mudachu dubbatu.

Kana dura walitti bu'insi bishaaniifi lafa margaarratti jiraachaa turulleen, ''amma garuu alaabaan Alshabaab fi meeshaaleen itti fayyadaman argamuunsaa walitti bu'nsichi horsiisee bultoota naannicha jidduu kan gaggeefamu akka hintaane ni agarsiisa,'' jechu himu.