Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Roobni bubbee makate badii geessise suuraan
Roobni bubbee makate daangaa Mozaampik, Maalaawii, fi Zimbaabuwe rukuteera. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani (UN) akka jedhutti balaa qilleensaan hemisfeera Kibbaa rukute keessaa isa badaa ta'u mala.
Ummanni miiliyoona hedduu ta'u kallattii roobni bubbee makate jiru jiraatu. Kanneen keessaa magaalaan buufata doonii qarqara galaanaa Mozaampik argamtu Beyiraa jedhamtu haalaan miidhamte.
Hanga ammaa balaa kanaan namoonni 200 Mozaampikitti du'anis pirezidantiin biyyattii Filippee Niyusii garuu kana caaluu danda'a jedhu. Magaalaa Beyiraa (gubbaa ul'atu) irraa namoonni 100,000 ta'an baraarfamu qabu jedha mootummaan Mozaampik.
Ammallee dhibba kan ta'an waan achi buuteen isaanii dhabameef, ummanni jijjigaa gidduu maatii isaa barbaadaa jira.
Zimbaabuweetti (jala kan mul'atu) kanneen miidhaman sanduuqa reeffaa keessa yeroo baataman.
Maatiin dhihoo owwaalcha erga takkaa raawwatuf bakka yeroo qixeessan:
Riqichi laga umvumvuu guyyaa muraasa dura ture amma akkanatti baduu isaa namoonni bakkas jiraatan waan amanan hin fakkaatu.
Keenyaan manneen waan jigeefi baaxiin waan qilleensaan fudhatameef jireenyaaf rakkisaa ta'eera.
Daandiin waan caccabef gargaarsa geessuun rakkisaa ta'ee jira.
Barattoonni mana barumsaa Zimbaabuwe Seent Chaarlis Luwaangaa jedhamu keessaa waraanaan baraaramaniiru. Karaan mana barumsaati itti deebi'an waan cufamef kara biraa dhoqqee keessa miila qullaa adeemaa turan.
Ummanni balaa kanaan waan qabu hunda dhabe gargaarsa eegaa jira.
Suuraan asin gadi ka'e akka mul'isutti lolaan badii guddaa geessiseera. Midhaan, manneeniifi jireenya hawaasichaa baleesseera.
Suuraaleen hunduu mirga abbentaa qabu.