Roobni bubbee makate badii geessise suuraan

Roobni bubbee makate daangaa Mozaampik, Maalaawii, fi Zimbaabuwe rukuteera. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani (UN) akka jedhutti balaa qilleensaan hemisfeera Kibbaa rukute keessaa isa badaa ta'u mala.

Ummanni miiliyoona hedduu ta'u kallattii roobni bubbee makate jiru jiraatu. Kanneen keessaa magaalaan buufata doonii qarqara galaanaa Mozaampik argamtu Beyiraa jedhamtu haalaan miidhamte.

Suuraa magaalaa buufata doonii Mozaampik rooba bubbee makaten hubamte

Madda suuraa, Reuters

Hanga ammaa balaa kanaan namoonni 200 Mozaampikitti du'anis pirezidantiin biyyattii Filippee Niyusii garuu kana caaluu danda'a jedhu. Magaalaa Beyiraa (gubbaa ul'atu) irraa namoonni 100,000 ta'an baraarfamu qabu jedha mootummaan Mozaampik.

Nama balaa kanaan dhaqqabe ilaalaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ammallee dhibba kan ta'an waan achi buuteen isaanii dhabameef, ummanni jijjigaa gidduu maatii isaa barbaadaa jira.

Nama jijjigaa gidduu miseensa maatii isaa achi buuteen isaanii dhabame barbaadaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Zimbaabuweetti (jala kan mul'atu) kanneen miidhaman sanduuqa reeffaa keessa yeroo baataman.

Sanduuqa reeffaa mukarraa hojjetame

Madda suuraa, Getty Images

Maatiin dhihoo owwaalcha erga takkaa raawwatuf bakka yeroo qixeessan:

Namoonni lafa owwaalchaa hedduu yeroo qotan

Madda suuraa, Getty Images

Riqichi laga umvumvuu guyyaa muraasa dura ture amma akkanatti baduu isaa namoonni bakkas jiraatan waan amanan hin fakkaatu.

Chimaanimaanii, Zimbaabuweetti jiraattonni riqicha bishaaniin fudhatame yeroo ilaalan

Madda suuraa, Reuters

Dubartii manni jalaa diigame mana ala yeroo qorri kirkirsu

Madda suuraa, Getty Images

Keenyaan manneen waan jigeefi baaxiin waan qilleensaan fudhatameef jireenyaaf rakkisaa ta'eera.

Ummata daandii babbade irratti walitti dhufan

Madda suuraa, ADRIEN BARBIER

Daandiin waan caccabef gargaarsa geessuun rakkisaa ta'ee jira.

Baratoonni erga baraaramani booda miila qullaan yeroo deeman

Madda suuraa, Getty Images

Barattoonni mana barumsaa Zimbaabuwe Seent Chaarlis Luwaangaa jedhamu keessaa waraanaan baraaramaniiru. Karaan mana barumsaati itti deebi'an waan cufamef kara biraa dhoqqee keessa miila qullaa adeemaa turan.

Ummata gargaarsaaf Zimbaabuwee keessatti hiriire

Madda suuraa, Getty Images

Ummanni balaa kanaan waan qabu hunda dhabe gargaarsa eegaa jira.

Suuraan asin gadi ka'e akka mul'isutti lolaan badii guddaa geessiseera. Midhaan, manneeniifi jireenya hawaasichaa baleesseera.

Suuraan asin gadi ka'e akka mul'isutti lolaan badii guddaa geessiseera. Midhaan, manneeniifi jireenya hawaasichaa baleesseera.

Madda suuraa, AFP

Suuraaleen hunduu mirga abbentaa qabu.