Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arjantiinaatti shamarreen ganna 11 erga gudeedamte booda ulfa baaste
Arjantiinaa keessatti oduun doktoroonni shamarree umurii waggaa11 gudeedamte irratti wal'aansa baqaqsaani yaaluutiin ulfa irraa baasan jedhu seera biyyattiin ulfa baasuu irratti qabduun yoo walbira qabamee ilaalamu mormii kaasee jira.
Shamarreen tun eega hiriyyaa akkoo ishee kan umuriin isaa waggaa 65 ta'een gudeedamtee ulfooftee booda kan ulfa baasuuf dirqamte.
Haa ta'u malee gaaffiin ishee deebii argachuudhaaf torbee shan itti fudhate.
Doktoroonni muraasnis wal'aansa baqaqsanii yaaluun ulfi bahuu hin qabu jechaa turan.
Yeroo booda garuu doktoroonni ulfa basuurra wal'aansa baqaqsaani yaaluudhaan akka ulfi bahu murteessan.
Daa'imni dhalate lubbudhaan jira garuu carraa lubbudhaan turuu isaa dhiphoo akka ta'e doktoroonni ni dubbatu.
Shamarreen ulfaan torbee 23 erga turtee booda wal'aansi baqaqsanii yaaluu godhameef.
Akka miidiyaaleen biyya keessaa jedhanitti shamarreen kun jalqaba irraa akka ulficha hin barbannee fi baasuu akka barbaaddu dubbataa turte.
Biyya Arjantiinaatti ulfa gudeeddiidhaan uumame yookiin lubbuu haadhaa irratti balaa geessisa taanaan baasuun seeraan hayyamamaadha.
Garuu shamarree umurii 11 kana irratti maatii ishee kamtu turtii akka qabaatu akka godhe waanni beekame hin jiru.
Akkoon ishee sababa hiriyummaa nama gudeede waliin qabduuf tartiiba maatii ishee keessaa baatee jirti.
Kanaafuu eenyuun akka dubbisanii murtee barbaachisu murteessan yeroo fudhaate ture.
Yeroo dhimmichi xumura argatutti shamarreen ulfa torbee 23 turte.
'Dararaa'
Rakkinni baayyeen kan mudate yeroo doktoroonni yaala kana hin gageessinu jecha yaada mataa isaani kenna turaniitti.
Gaafa Kiibxaata, hoggantoonni waajjiraa fayyaa Kaaba Tucuman daayireektaara hospitaala murtee maatii akka kennu booda,"yaaliin barbaachiisu hundi akka godhamu fi lubbun lama isaani akka baraaramu"jechuudhan ajaajii booda.
Akka dokotoroonni wal'aansa baqaqasaani yaalu godhaan himaaniti "ajaaja lubbu lachu baraaruuf jedhu san hordoofuus osoo hin hin ulfa basuun sun balaa gudda waan qabuuf malee."
Faallamatoonni mirgaa namooma immoo hoggantoota waajjira fayyaa koomatu.Gareen biraas tate kana akka'daraara'tti fudhaatu.Ulfa basuun Arjeentina keessatti dhimmi mormii irra jirudha.Tateen dhumaa ji'a jaha dura kan dhufe yoo ta'u ,ulfa basuun torbe 14 booda seera qabessa ta'u qaba kan jedhuudha.