Dhiyeessaan oduu miidiyaa Ameerikaa Fox waggaa 10'f harka dhiqadhee hin beeku jedhe

Dhiyeessaan oduu Fox News Hegseth jedhamu waggoota 10'f harkakoo dhiqadhee hin beeku sababni isaas waanti jarmoota jedhamu dhugaa miti jedhe.

Miidiyaa irratti akkasumas hiriyoota isaatti akka himetti jarmootni faalama fiduu danda'anii fi dhukkuba nama qabsisuu danda'an jedhaman hin jiran sababni isaas ija keenyaan arguu hin dandeenyu jedhe.

Miidiyaa irratti yaada kana kan dubbate erga waayillan isaa Ed Heenerii fi Jedidaa Biilaa hambaa Piizaa nyaachuu isaa arganiiti jedhan.

''Bara 2019 waantan bakkeetti dubbataa ture yeroon qilleensarratti haasa'udha'' jedhe.

Yaadnisaa kun miidiyaa hawwaasaa irratti qeeqameeras deeggarameeras.

Hegseth booda miidiyaa USA Today jedhamutti akka himetti akka baacootti ilaalama ture jedhe.

''Hawaasa qulqulleesituu giphii ykn kiisii keessa kaawwatee deemu keessa jiraanna. Guyyaatti yeroo kuma 19 harka isaanii qulqulleessu akka nama du'a ooluu'' jedhe.

''Of nan eeggadha garuu waan hundumaaf hagas mara of hin dhiphisu'' jedhe.

Yaada namootni kennaniif ilaalchisee haala namootni yaada akkasii itti ilaalaniifi dhiphatan nama dhiba jedhe. ''Kanumaaf mataatii cabu''

Gidduugalli Ittisaa fi To'annoo dhukkubaa Ameerikaa [CDC] harka guyyaa guyyaan dhiqachuun dhukkuba jarmootaan namatti dhufu nama irraa ittisa jedha.

Baakteriyaan harka dhiqachuu dhabuun namatti dhkkuba fiduu danda'u Saalmoneellaa fi E coli dabalata.

Doonaald Tiraampi nama kamiyyuu caalaa miidiyaa Fox irratti dubbataa kan turan ababa jarmootaan yeroo baay'ee mana yaalaatti ergamaniiru.

Kitaaba Tiraampi bara 1997, The Art of the Comeback jedhamu barreessan irratti abaarsi Ameerikaanotaa salphaan tokko harka nama fuudhuudha jedhan.

Yeroo beekamtii argataa adeemtu ammoo ittumaa hammaataa adeema jedha. Namootni sababa nama biraa harka fuudhaniif waan faalaman isaanitti fakkaata.

Maarree namni Fox irratti oduu dhiyeessu kun Yuunvarsiitii Harvaardii fi Princeton keessatti haa baratu iyyuu malee '' kun beekumsa kan namaa kennu fakkaata garuu hiika hin qabu'' jedhe dubbisaan BBC tokko.