Paartileen Ameerikaa lamaan dhimma nageenya daangaa irratti walii galan

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Dimokiraatotnii fi Rippaabilikaanotni dhimma nageenyaa daangaa Ameerikaa irratti mootummaa Ameerikaa deeggaruuf waliigalan.
Waajjiraaleen mootummaas dabalataan gariin ni cufamu jedhamee sodaatamaa kan ture akka hafu walii galaniiru.
Waliigaltichi marii cufaa Waashingitanitti taa'ameen raawwatame jedhan qaamoleen seera tuman.
Dhimmi waliigaltichaa hanga ammaatti maal akka tahe bal'inaan hin baramne.
Mariin kun kan danqamee kan ture godaantotni hin galmaa'iin Ameerikaa keessa jiran haa hidhaman kan jedhuu fi gaaffii Tiraampi dallaa daangaa Ameerikaa fi Meksiikoo gidduutti ijaaruuf baajata gaafataniin ture.
Tiraampi akka waliigaltee amma irra gahame jedhamu deeggaru ibsuu baatus kaleessa ''waan hundaafuu dallicha inuma ijaarraa'' jedhan.
Teksaasitti deegartoota isaaniif akka ibsanitti waliigalticha qorachuuf yeroo hin qabu garuu ''sanada yakkamtootni hidhaman haa gadhiifaman jedhu garuu gonkumaa hin mallatteessu'' jedhan.
Yakkamtoota kanneen jedhaman namoota daangaa qaxxaamuruun karaa seeraan alaa Ameerikaa seenuun qabamanii hidhamanidha.
Sanadichi Jimaata mallatteeffamuu qaba. Yoo kun hin taane garuu waajjiraleen mootummaa gariin cufamanii kan itti fufan taha.
Guyyoota 25'f kanaan dura cufamee turuun kan Amajji 25 booda akka banamu tahes seenaa Ameerikaa keessatti isa yeroo dheeraa fudhate jedhama.
Cufamuun waajjiraalee mootummaa dinagdee Ameerikaa hanga doolaara biiliyoona 11tti [11bln] miidhuu danda'a.
Akka odeeffannoon bahan tokko tokko mul'isanitti yoo taheef paartileen lamaan daangaa Ameerikaa fi Meksiikoo irratti ittisa godaantotaaf kan oolu baajata Tiraampi gaafate $5.7bn keessaa $1.375bn eeyyamaniiru.
Warri Dimokiraatotaa ammoo godaantota seeraan ala jedhamuun hidhaman 49,057 keessaa akka gara 40,250 tti xiqqaatu gaafataniiru.













