Gaaffiin aangoorraa buusuu pirezidaantii Somaaliyaa irratti dhiyaate 'kufe'

Mormii walitti dhufeenya pirezidaantiin Somaaliyaa oggantoota Itoophiyaafi Eeritiraa waliin uuman irratti ka'een miseensoonni paarlaamaa Somaaliyaa 92 ta'an, wixineen aangoorraa kaasuu Dilbata darbe dhiyeessanii turan kufuunsaa dhagahame.

Gaaffiin aangoorraa buusuu Pirezidaantii Mohaammad Abdullaahi Farmaajo irratti miseensota paarlaamaa Somaaliyaan dhiyaatee ture deeggarsa dhabuun kufuunsaa barameera.

Ibsi waajjira paarlaamaa biyyatti irraa argame akka ibseetti, miseensoota 92 waliin iyyata galfatan keessaa kanneen 14 ta'an maqaasaanii waan haqaniif, adeemsa aangoorraa kaasuu gaafachuuf lakkoofsi gutamuu qabaatu osoo hin guutiin hafeera.

Miseensoonni 14 kunniin maqaasaanii dogongoraan itti fayyadaman malee, gaaffiicha kan hindeeggarre ta'uu himaniiru.

Qaamoolee pirezidaantichi aangoorraa akka bu'uuf gaafataniis, heera biyyatti cabsuun Itoophiyaa fi Eertiraa waliin waliigalteewwan iccitii mallatteessera akkasumas kophaasaanii abbootii seeraa fi ajajawwan loltuu muudaniiru jechuun himatu.