Nyaata tolaan argachuuf moobayila keessan olkaa’achuu ni dandeessuu?

Family meal

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni maatii isaanii waliin wayita nyaatatti dhihaatan mobaayila isaanii lafa kaa'anii akka waliin haasa'an gochuun ulfaataa tahus, UK'tti manni nyaataa tokko garuu gocha kana dirqisiisaa jira.

Mana nyaataa kanatti maatiin wayita ol seenan moobaayila isaanii hojjettoota mana nyaatichaa bira ol kaa'atanii seennaan daa'imman isaaniitiif nyaata bilisaan argatu.

Manni nyaataa Frankie fi Benny's akki jedhu, daa'imman maatiin isaanii yeroo moobaayilarratti dabarsan caalaa sa'aati dheera isaan waliin akka haasa'an fedhu jedhu.

Daa'imman harka 10 tahan ammoo maatiin isaanii akka isaan waliin haasa'aniif moobaayila maatii isaanii akka dhoksan himu.

Maatiin garuu daa'imman waliin haasa'uurra moobaayila isanii tuttuquu akka filatan hima.

Maatiin harki 25 yeroo nyaataaf daa'imman isanii waliin dhiyaatan moobaayaila akka tuttuqan kan amanan yoo ta'u kana keessaa harki 23 osoo ijoolleen isanii itti haasa'anii fayadamu.

Qorannoon kuni saamudaaf maatii fi daa'imman 1,500 fayyadamuuni bu'a akkana kan ifoomse.

"Duula mobayilarraa bilisaa" kan sadaasa 29 hanga muddee 7'tti turu kana irratti Frankie fi Benny saanduqa maatiin mobayaila isaanii keessa olkaa'atanis qophessaniiru.

Sagantaa kanaratti akka hirmaataniif dirqisiisuun kan hin jirre ta'us maatiin sagantaa kanarratti hirmaatanii irbaata akka argatan ni jajjabeeffamu.

Sagantaan kuni manneen nyaataa 250 keessatti kan yaalamu yoo yahu, yoo milkaa'e itti fufiinsan hojiirra kan ooludha.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Karoora kana namootni muraasni karaa twitter akka gaaritti yoo simatan namootni kaan ija shakiitin ilaalu.

Isaan keessaa namni Alexis Martin jedhamu akkana jedhe "bakki ajaa'ibaa kuni eessatti argama, akkamittinimmoo argachuu dandaha?"

Namni Sue Lamming jedhamummoo " kuni yaada guddadaha, garuu maatiin erga moobaayila isanii olkaa'anin booda waan waliitti haasa'an ni qabaatuu" jechuun gaafata.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Namootni yaada garagaraa kennaa jiraatanis, dubbi himaan sagantaa kanaa Steve Dresser, "sagantan kun akkaataa ittiin namootni wayita nyaata nyaatan soorata irratti xiyyeeffatanii fi maatii isaaniitiifis yeroo kennan uumuuf," jedha.