Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhumaatii Doos Erees: Namichi miseensa raayyaa ture namoota 171 ajjeesuudhaan adabame
Loltuun Guwatamaalaa duraanii dhumaatii wal waraansa biyyattii keessa ture keessatti ga'ee ba'aa tureen hidhaa waggaa 5000 oliin adabamae.
Bara 1982 keessa ganda Doos Erees keessatti, seenaa walitti bu'insa Guwaatamaalaa 36 ture keessatti kan hunda caalaa hamaadha jedhameen namoonni 200 ol ta'an ajjeefamaniiru.
Saantoos Loopez ajjeechaa namoota 171 tiif yakkamaa ta'eera.
Namichi kun miseensa garee warra Kaa'ibiles jedhaman US'n leenjiin kennameefii humna riphe loltootaa dura dhaabbatanii ture.
Loopez namoota 171 mandaraa sana keessatti ajjeeseef tokkoo tokkoo isaaniitiif waggaa 30 kan adabame yommuu ta'u waggaa 30 dabalataa biraa ammoo dubree yeroo ajjeechaa jumlaa milqxe biraa ajjeesuun itti murtaa'eera.
Akka seera Guwatamaalaatti garuu umuriin dheeraa namni tokko hidhamuu danda'u waggaa 50 qofaadha.