Garee cimaa Gaarz Kiruukis: Mohaammad Saalah, Jordaan Pikford, Sol Bambaa, Rahim Isterliing

Maanchistar Siitiin Maanchistar Yunaayitid injifachuun mo'atamuu dhabuun yeroo itti fufu, Tootanhaam immoo Kiristaal Paalaas irra-aanuun dirreen ala ciminaan itti fufeera.

Niwkaasil Barnmawuuz injifachuun tapha lama walitti aansee mo'u isaa mirkaneeffateera. Livarpuul immoo Fulhaam irra aanuun pirimiyeer liigicha dursaa kan jiru Siitiitti yaaddoo ta'eera.

Garuu, taphattoota kamitu garee cimaa torban kanaa keessa seene?

Karra eegaa - Jordaan Pikford (Evartan)

Akkitti karri eegaa lammii Ingilizii kubbaa Maarqos Aloonsoo deebise cimina isaa mirkaneessa. Gareen isaa Evartanis halli isaan Chelsii waliin taphatan baay'ee bareeda.

Kan beektuu? Kubbaa afur deebisuufi akka itti hin seenne gochuun alatti, kubbaan 21 Pikford dabarse bara dorgommii bara kana keessaa isa guddicha.

Ittistoota - Maatiw Lowton (Barnileey), Sol Bambaa (Kaardif), Huan Foyit (Totanhaam), Andiriw Robartisan (Livarpuul)

Maatiw Lowton: Akki inni kubbaa galchiirraa fageessaa ture adda. Keessumaa kubbaan Jeemi Vaardiirraa dhufe akka rokkeettii ture.

Tapha Leestar waliin taphatan irratti taphattoota garee isaa kamuu caalaa kubbaa 78 kan tuqe taphataa kanadha.

Sol Bambaa: Kubbaan Sol Bambaan rukute bareeddufi galchii jalqabaa taatetti.

Tapha Biraayitan waliin taphatan irratti Bambaan taphattoota kilaba Kaardif kaan caalaa danquun (si'a sadii), kubbaa fageessuun (si'a sadii) akkasumas hambisuun (al tokko) taphataan itti qixxaatu hin jiru.

Huwaan Fooyit: Leenjisaa Moorisiyoo Pochetinoon dargaggeessa tapha kilaba Wolvis waliin taphatan irratti morkataan isaanii rukuttaa adabbii xumuraa akka argatu godhan kana hiriirsuun isaanii nadhibee ture.

Amantii leenjisaafi taphatichi of irratti qabu garuu guddaa ta'u qaba. Galchii ittiin injifatan isatu galche.

Erik Laamelaa fi Morisiyoo Taarikootti aanee Fooyit taphataa lammii Arjantiinaa Totanhaamiif galchedha.

Andiriw Robartisan: Miilli isaa bitaa hanga taphataa Livarpuul bara 1970'oota keessa beekamu, Aleek Lindisay, cimaa ta'u isaa hin beeku garuu kubbaan inni Herdaan Shaakiriif dabarse haalaan bareeddi.

Utubdoota - Fernaandiinhoo (Maanchistar Siitii), Deviid Silvaa (Maanchistar Siitii), Feliip Andersan (West Haam)

Fernaandiinhoo: Tapha Darbii Maanchistar waliin tureen taphataan kuni milkiin akka gama Siitiirraan gortu keessatti ga'umsa amansiisa agarsiisaa tureera.

Tapha Maanchistar Yunaayitid waliin taphatan kanaan, Fernaandinhoon taphataa kamiyyuu caalaa kubbaa si'a 103 ol tuqeera.

Deviid Silvaa: Yeroo hedduu goolii hin lakkoofsisu garuu yoo lakkoofsise kan baayyee barbaachisu ykn kan baayyee bareedu ta'a.

Silvaan dirree isaaniirratti yeroo taphatan Maanchistar Siitiidhaaf walitti aansuudhaan taphoota sadiirratti goolii lakkoofsiseera.

Feliip Andersan: Tapha Barnilee waliin taasisaniin erga goolii lama lakkofsiseen booda taphataan lammii Biraazil kun dandeettii goolii adamsuu akka qabu mulliseera.

Feliip Andersan taphoota West Haamiif taphate lamaan darban keessa gooliiwwan sadii galcheera.

Jifattoota - Mohaammad Saalah (Livarpuul), Salomoon Roondon (Niwukaasil), Raahim Isterliing (Maanchistar Siitiirraa)

Mohaammad Saalah: Tapha darbe irratti Livarpuul akka yeroo biraa itti hin bareediin ture. Garuu, nama akka Mohaammad Saalah saffisaan goolii galchu qabaachuun yoomiyyuu mo'annaa harkatti deebisuun salphaadha.

Salaah taphoota piriimiyeer liigii 21 taphate keessaa taphoota lama kan Maanchistar Yunaayitidiifi Siwaansii waliin taasisan qofaarratti hin lakkoofsisin hafe.

Salomoon Rondoon: Yeroo West Haam waliin taphatan Rondoon kan baayyee fiigu garuu goolii lakkoofsisuu irratti ija waan jabaate hin fakkaatu.

Garuu taphoota lamaan Barnmaawuziifi Niwuukaasil waliin taasisaniin gooliiwwan lama miimmiidhagduu lakkoofsifateera.

Tapha Barnimaawuz waliin taasisaniin Rondoon piriimer liigii keessatti yeroo lammaffaaf tokkoo ol lakkoofsiseera.

Raheem Isterliing: Tapha Maanchistar Yunaayitid waliin taasisaniin taphataan kun ga'umsa addaa agarsiisuun gareen isaa waancaaf imala taasisu bareecheera.

Taphataan kun beekamtiifi cimina isaas yeroon gara yerootti haalaan guddachaa jira. Hunda caalaa garuu Maanchistar Siitiin Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa mo'achuun agarsisuu qabu.

Isterliing taphattoota garee isaa kamiyyuu caalaa taphaan ala (fouls) mo'ateera kan (20) ol ta'u.