Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tilmaama Laawuroo taphoota Pirimeer Liigii Ingiliiz: Siitii moo Yunaayitid?
Dilbata gara Etihaad imaluun Siitii waliin falmii kan taasisan Maan Yunaayitid tilmaama gadaanaatu kennameef. Eenyutu injifata laata?
Akka ogeessi kubbaa miilaa BBC Laawuroon jedhutti, ''Maan Yunaayitid bu'a qabeessummaa dabalaa jiru. Taphoota lamaan dabran Barnimaziifi Juveentus waliin taasisan akkatti injifatan ilaaluu dandeenya,''
''Sa'aatii dhumetti galchii lakkoofsiisun injifachuun garee kanaaf cimina yommuu tahu, morkattootaaf ammoo yaaddoo uuma,''
''Eeyyeen, Maan Siitiin akka injifatan ni eegama. Garummoo salphumatti waan tahu miti,''
Tilmaammii Laawuroo
Sambata
Kaardiif fi Biraayitan
Barana Kaardif takkaa ni mo'ata jedhee tilmaamee hin beeku. Dirreesaanii irratti jifatanii taphachuu kan barbaadan yoo tahu, gaafa Sambataas kanuma hordofu jedheen yaada.
Warri Biraayitan dirree Niiwukaasil irratti kan injifatan tahus, dirreesaaniin alatti wayita taphatan bu'a qabeessa miti.
Tilmaammiin Laawuroo: 1 - 0
Haadersfiild fi Westihaam
Hadarsfiild erga taphni baranaa jalqabee as yeroo duraaf gaafa Wiixataa erga mo'atanii booda, ofitti amanamummaan isaaanii dabaleera.
Warri Weestihaam ammoo haalli keessa jiran tilmaamuuf rakkisaa taasisa. Al tokko akka dansaa taphatu, yeroo kaan ammoo badaa tahu. Tapha kanaan gooliin hedduun ni gala jedhee hin yaadu.
Tilmaammiin Laawuroo: 1 - 1
Leestar fi Barnileey
Abbaan qabeenyaa Leestar fi namoonni afur biroo balaa helikooptaraan erga lubbuu dhaban booda, tapha godhamu isa jalqabaati.
Tilmaammiin Laawuroo: 2 - 1
Niiwukaasil fi Barnimaz
Niwukaasil torban darbe yeroo jalqabaaf mo'ataniiru. Kanumaanis
Maagpiisonnni dirree isaaniirrati waan taphataniif mo'atu jedheen yaada.
Tilmaammiin Laawuroo: 2 - 0
Saawuzaampitan fi Waatifoord
Saawuzihaampitanoonni rakkoo goolii galchuu qabu. Taphoota shanan darban irratti galchii sadii callaa lakkofsisan.
Mo'icha taphoota shanan darban irratti dhaban, Waatifoord irratti haaloo bahuu? Eeyyeen.
Tilmaammiin Laawuroo: 2 - 0
Kiristaal Paalaas fi Totanhaam
Taphoota shanan darban irratti qabxii lama callaa kan argatan Kiristaal Paalaas, dirree isaaniirratti qabxii isaaniif malu argachaa hin jiran.
Taphni kun Darbii Landan yommuu tahu, qophii guddaa irratti taasisu.
Tilmaammiin Laawuroo: 1 - 1
Dilbata
Liivarpuul, Fuulhaam waliin
Liivarpuul Kibxata galgala Beelgireed irratti taphni Reed Istaar waliin taasisan roga maraanuu gahumsa gaarii hin agarsiisne.
Kun Fulhaam waliin irra hin deebi'amu. Fuulhaamoonni taphoota dabran irratti gahumsisaanii daran kan gadi bu'aa jiru wayita tahu, tapha torbaffaa isaanii kanas walitti fufiinsaan ni mo'amu jedheen yaada.
Tilmaammiin Laawuroo: 3 - 0
Cheelsii, Evartan waliin
Evartanoonni torbee darbe, Biraayitaniin mo'achuu bira darbee tapha dansaallee agarsiisaniiru.
Cheelsiirra galchii lakkoofsisuun salphaa tahuu dhiisuu danda'a. Cheelsiin yeroo mara muddama keessa wayita galutti, Edin Hazaard jiraaf.
Tilmaammiin Laawuroo: 2 - 0
Arsenaal fi Woolvis
Yeroo mara Arsenaaliin ilaalu, leenjisaa Unaay emerii attamiin garee kana gahumsa gaarii akka qabaatu taasisen yaada. Tapha bareedaa torbee darbe Liivarpuul waliin taasisan akka irra deebi'an abdiin qaba.
Woolvis ammoo taphoota darban sadan kan mo'aman tahuus, tapha kana mo'amaniis sadarkaa jiran irraa hedduu gadi hin bu'an.
Tilmaammiin Laawuroo: 2 - 0
Maan Siitii fi Maan Yunaayitid
Gahumsi gareen Joosee Moorinhoo taphoota muraasa dabran irratti agarsiisu, Maan Yunaayitid duraanii kan yaadachiisudha. Yoo dursanis gara taphaatti ni deebi'u.
Siitiin taphoota lamaan dabran irratti galchiiwwan hedduu galchuun waan mo'ataniif, deeggartoonni si'ominaan eeggatu. Haa ta'u malee, kubbaan miilaa waan salpha miti.
Haaluma walfakkaatuun, deeggartoonni Maan Yunaayitidis bara darbe waan mo'ataniif isuma yaadaa jiru taha. Haa ta'u malee kun waan milkaa'u miti.
Tilmaammiin Laawuroo: 1 - 1