Feesbuukiin jeequmsa maaynamaar hammeessuuf fayidaarra oolera jedhame

Feesbuuk gabaasa sarbama mirga namaa fi jeequmsa Maynamaariif haala mijataa uumeeraa qeeqa jechuun irratti ka'ee akka fudhatu beeksiseera.

Feesbuuk mataan isaa qorannoo bilisaa baasii isaa danda'uun qorachiiseen bu'aa qorannoo sarbamni mirga dhala namaa akka babala'atu ''carraa gaarii uumeera'' jedhuun nan waliigala jedheera.

Bu'aan qorannoo kun ifa kan ta'e dhaabbatni biyyoota gamtoomanii haleellaan gosa Rohiingaarratti raawwate gocha duguuggaa sanyiin gadi miti jechuusaatiin booda.

Filannoo bara 2020 dura Feesbuuk gocha akkanaa haala itti to'atu wayii barbaaduu qaba jedha bu'aan qorannoo kun.

Feesbuuk Maaynamaar keessatti maamiltoota miiliyoona 18 qaba. Hedduu isaaniitiifis waltajjii odeeffannoo ittiin argataniifi dabarsan isa ijoo dha.

Akka qorannoo kanaatti hojiiin miidhaa feesbuukiin mudatu hambisuuf hojjetame jiraatuus kan osoo hin hojjetamiin hafe jira jedheera.

Bara darbe qamoleen nageenyaa maaynemaar haleellaa hidhattootni Rohiingaa poolisii biyyattiirratti raawwatan hordofee bananiin heddun du'anii kaan qe'ee isaaniirraa baqataniiru.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin Feesbuuk ergaalee jibbinsaa feesbuurratti raabsaman to'achuuf rinciceera jechuun erga komatamee qo'annoo kan qorachiise.

Qorannoon dhaabbata 'Business for social Responsibility' jedhamuun qoratame kun Feesbuukiin Maaynemaar keessatti ergaale jibbinsaa tamsaasuufi miidhaa geessisuuf fayidaarra oolera jedheera.

''fayyadamtootni muraasni feesubuukitti dhimma bahuun dimookrasii quucarsuufi walitti bu'iinsa afarsaniiru'' jedheera.

Feesbuuk akka dhaabbataatti imaammata ergaalee jibbinsaa ittisan qabachuu qabas jedhameera.

Filannoo biyyattii waggaa lama booda taasifamuufis dursee qophaa'uu qab jedhameera.