Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan 'qoqqobbii jabaa' Iraan irra keesse
Mormii biyyoota qabenya boba'aatiin badhaadhanirraa isa mudate booda mootummaan Ameerikaa qoqqobbii cimaa Iraan irra kaa'uu beeksise.
Bulchiinsi Tiraampi qoqqobbiiwwan hunda bara 2015 haqaman iddootti deebisuun Iraan fi biyyoota Iraan waliin daldalan irratti xiyyeeffachuu eegaleera.
Qoqqobbiin kun damee diinagdee isaan ijoo ta'an kanneen akka baankii, daandii galaanarraa fi daldala boba'aa kan adda durummaan kan miidhuudha.
Oduu kana dhagahuun lammiileen Iraan kumaatamaan lakkaawaman guyyaa kaleessaa hiriira bahuun 'Duuti Ameerikaaf' jechaa mormaa oolan.
Humni waraanaa Iraanis kanuma sababeeffachuun Wiixata har'aa fi Kibxata borii agarsiisa waraanaa qilleensarraa qopheessuun Iraan humna ittisaa jabaa qabaachuu mul'isna jechaa jiru.
Pirezidaanti Tiraampi Iraan bara gadaasaanii imaammatasaaniif qormaata akka turte dubbatan.
''Qoqqobbiin Iraan irra kaa'amu jabaadha. Qoqqobbiiwwan kanaan dura turan irra cimaadha. Waan Iraan irra ga'ummoo walumaan ilaalla. Garuu of ilaalaa hin jiran.''
Mootummaan Ameerikaa Iraan gochoota akka meeshaalee waraanaatiin biyyoota addunyaa dararuu fi shororkeessitoota deggeruurraa akka of qusattuuf kana murteessine jedha.
Qoqqobbii kanaan dhaabbileen diinagdee dhuunfaa 700, kubbaaniyyaawwan gurguddoon, daandiin balaliinsaa, baankonni, alergiin boba'aa fi imalli galaanarraa hunduu waan ugguramaniif dhibbaan diinagdee guddaan biyyattii ni mudata jedhan xiinxaltoonni diinagdee.
Qoqqobbii kana biyyoonni akka UK, Jarmanii, fi Firaansi hin deggerre.
Bulchiinsi Tiraampi biyyoonni Iraan waliin daldalan saddeet qoqqobbii kana jalaa baraareera.
Biyyoonni hin qoqqobamiin kunnen michuuwwan Ameerikaa kanneen akka Indiyaa, Italii, Jappaan, Kooriyaa Kibbaa, Tarkii, Chaayinaa faa dabalatu