Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaman: Waggaa 100 keessatti fiixee beelaa isa hammaataa
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomani biyyi waraanaan goolamaa jirtu Yamanitti namoonni miiliyoona 13 ta'an beelaaf saaxilamuu akeekkachiise.
Tokkummaan loltootaa kan Saa'udii Arabiyaan durfamuu haleellaan qilleensarraan raawwatun lubbuun lammiilee nagaa darbaa jiru akka dhaabatu dhaabbatchi kan gaafate yoo ta'u kun waggaa 100 keessatti beelaa isa hammaataa akka ta'u sababa jedheera.
Waraanni waliinii Yaman waggaa sadii dura hidhattoonni haawuti kan Iraaniiin deeggaraman Sana'aa dabalatee magaalota biroo hedduu wayita qabatan eegale.
Saa'udii Arabiyaan biyyoota Lixaa akka US, UK fi Fraansiin deeggaramaa mootummaa biyyattii aangorra jiru gargaaruun haleellaawwan qilleensaa hedduu raawwachaa jirti.
Erga waraannii Yaman eegalee namoonni 10,0000 ta'an lubbuu isaanii yoo dhaban miliyoonaan kan lakkaawaman baqaaf ta'aniiru.