Morokootti wiirtuu bayyaanachiisuu qaama miidhamtootaa

Aminaa Silaawii abbaa warraa ishii waliin ayyaana kabajataa osoo jirtu bishikilitii irraa kuftee qaama miidhamtuu taatee wiilcheerii irratti hafte.

Balaan tasaa kuni garuu kan jireenya ishii qofa otoo hin taane, kan qaama miidhamtoota Morookoo biroo kumaatamaa fi sana biras darbee jireenya namoota biyyoota biroo jiraniis kan jijjiireedha.

Aminaan maatii sooressarraa waan dhalatteef wal'aansa barbaaddu argachuu ni dandeetti. Garuu,isheen lammiileen biyya ishii Morookoo kanneen humna wal'aanamuu hin qabne akka jiran hubatte.

Bu'uruma kanaan, Giddugalli Bayyanachiisaa Qaama Miidhamtootaa ishii fi miiltoowwan ishee muraasni hundeessan waggoota diigdamii-shan booda namoonni kuma diigdamii-jaha (26,000) gargaarsa wal'aansaa, meeshaalee fi deeggarsa adda addaa akka argatan gargaareera.

"Jalqabarratti namni martuu,isin maraattuudha,garee namoota hokkolaniiti yookiin okkolaniiti. Maallaqas hin qabdan. Dhuguma, Wiirtuu Bayyanachiisa Qaama miidhamtootaa ni ijaarra jettanii ni yaaddanii? nuun jedhu.Nutis,Eeyyee! jenneen." jette Aminaan.

Madda Maallaqaa ofiif ta'uu

Wiirtuun Bayyaanachiisa Qaama miidhamtootaa Nuur kan dhaabbanni ishii Giruup AMH baay'ee itti beekamu kan Kaasaabilaankaa keessatti argamu keessa ulaa yookiin kooriidarii keessa deemaa haasofna.

Gamaagamana ulaa nuti keessa deemnuu kutaalee babal'aa jiran keessa dhukkubsattoonni ulfaatinsa kaasu. Sirbi sagaleen baayyee isaa ol ka'ee iyyus ni dhagayama.

"Namoonni inshuraansii qaban yookiin maallaqa qaban,namoota hin qabneef ni kafalu." jette ishiin haala itti dhaabbatichi namoota gonkuma maallaqa wal'aansaaf oolu hin qabneef akka fandii yookiin maallaqa ittiin argatan yeroo ibsitu.

"Dhukkubsattoonni shan kan kafaluu danda'an bakka jiranitti,dhukkubsataa bilisaan wal'aanamu tokko ni qabna.Tooftaan kuni waggoota afur yookiin shan booda akka of dandeenyu nu dandeessiseera. Bu'aas argannee deebifnee namoota akka gargaarruufis nu gargaareera."

Namoota sanneen keessaa takka Fatihaa Eeyit Mohaammadi.Otoo gulantaa mana isaanii qulqulleessitu kuftee laamshofte yookaan paaraalaayizii taate.

Gareen kuni baasii ishii bayyanachiisuuf oolu dhibbeentaa saddeettama (80%) kan deeggare yoo tayu, doqdoqqee gosa addaatiin hojjetamte ishii biteera.

Oomishotaa dibataaf oolan(cosmetic supplies) kan bakka xinnoo qarqara daandiirra jirtuttii gurgurtu bitattee fiduuf guyyaa hundumaa doqdoqqee ishii yaabbattee gulufti.

"Yeroo ani miidhamee sireerratti hafe, harmeenkoo waan hundumaa naaf gootii ture. Hoggaa sana waan addunyaa addaa keessa jiraachaa jiruu natti fakkaata ture. Qaamnikoo kan koo ta'ee natti hin dhagayamuu ture. Waan jireenya kana keessa jiru natti hin fakkaatuu ture."

"Doqdoqqee koo yaabbadhee imaluu ni jaaladha. Amma bilisummatu natti dhagayama," jette.

Giddugala bayyanachiisaa caalaa haala jiru

Guyyaa hundaa, namoonni qaama miidhamtoota 120 ta'aniitu deeggarsa tajaajila bayyanachiisuu irraa hanga gorsuun hamilee jajjabeessuu fi meeshaalee bakka qaama miidhamee bu'anii tajaajilan (prosthetics and psychological) argachuuf waajjiraalee Aaminaa bira dhufu.

Ministeera Gamtaa,Dubartootaa,Maatii fi Misooma Hawaasummaa Morookootti Daayrektarri Gamtaa Hawaasummaa Aahmad Eeyit Biraahiim,"Wanti Giruup AMH (Groupe AMH) kanaan kalaqame hojii bayyanachiisuu qofa otoo hin taane, wantoota biroo heddu kan hammate tayuu isaati," jedhan.

"Namoonni qaama miidhamtoota ta'an deebi'anii hawaasatti makamuu isaanii mirkaneeffachuu barbaadu.Kuni ammoo guutuu Afrikaa keessattuu waan addaati."

Gareen Aaminaa ammas daa'imman qaama miidhamtoota ta'an akkaataa baayyee ammataa ta'een walitti fiduuf mana barumsaa ni qaba. Kuni ammoo daa'imman qaama miidhamtoonni harka walakkaa gadi ta'an qofti mana barumsaa biyya deeman keessatti ,manni barumsaa garee kanaa kuni baay'ee barbaachisaadha.

Kadiijaan daa'ima umriin waggaa saddeetii yoo taatu,sababa miidhamuu sammuu qabduutiin (cerebral palsy) laamshofte.Amma mana barumsaa kanatti baratti.Mana kutaa xiqqoo dhiyeenya kilinikichaatti kireeffatan keessa maatii ishii waliin jiraatti. Magaalaa Maaraakash irraa garana erga dhufan waggaa tokko caaleera. Haala sanaan ishiinis deeggarsa barbaaddu argachuu dandeessee jirti.

"Yeroo achi turetti hiriyyoota hin qabuu ture. Erga as dhufe booda hiriyyoota qabaachuu eegale. Waytii natti waayyaawaa dhufe ammoo, wanti baay'ee na gammachiise wayii keessa kootti natti dhagayamuu eegale," jette.

Baasii bayyanachiisuu Kadiijaa harka caalaa kan danda'e garee Aaminaati.Maatiin ishii akkaataa itti ishiin itti aaraa turte ni ibsu. Yeroo baay'ee siree irra duugdaan ciisuun dabarsaa turte. Amma garuu,fakkii kaasuu,ijoollee biroo waliin taphachuu fi ofii ishiitiin of dandeessee dhaabachuu dandeetti.

Rakkoowwan Haaraa

Aaminaan,kilinikicha keessatti hojii gaggessitoota olaanoo dhaabbatichaa waliin walgahii teessee argine.Ammaaf milkaawus, tooftaa garichi kalaqee ittiin galii argatu kana dhibdeen muudachaa jira. Dhibdee kanaaf fala laachuu akka danda'aniif jecha tarsiimoowwan gara fuula duraa irratti mari'ataa jiru.

Dhibdeen tokko kilinikoonni dhuunfaa wiirtuulee bayyanachiisaa qaqqaalii kafaltiin guddaa ta'ee waan hunda guuttatan dhukkubsattoota sooreyyii itti wal'aanuuf oolan kan dorgomaa tayan banuuf karoorfatanii hojjechaa jiru.Dhukkubsattoonni sooreyyiin kunniin ammoo kanuma yeroo ammaa wal'aansa bayyanachiisaa keenya maallaqaan deeggaranii fi namoota kafalachuu hin dandeenye kan akka Fatihaa fi Kadiijaa kanneen gargaaraa jiraniidha.

Garuu, rakkoon jiru sana qofaa miti.

"Bajata keenya keessaa tokko-kurnaffaa kan tayu dhukkubsattoota maallaqa wal'aansaaf kafalan hin qabne deeggaruuf oolchina.Garuu humni waa bitachuu yeroodhaa gara yerootti hir'achaa jira. Mootummaa irraas deeggarsa tokkollee hin argannu. Kanaafuu,tooftaa ittiin madda maallaqaa argannu irratti yaada haaraa maddisiisuun barbaachisaadha," jette Aaminaan.

Dhiyeenya kana ammoo, kilinikichi wal'aansa dhukkubsattoota sooreyyiitiif kan oolu damee haaraa kutaalee diigdama qabu kanneen dhuunfaa dhuunfaan tajaajilan baneera.

Dhukkubsattoonni sooreyyiin biyyoota Afrikaa wal'aansi bayyanachiisaa itti muraasa ta'e yookiin gonkumaa hin jirre irraa baay'innaan garana dhufaa jiru.

Sababa dhiyeenyaatii fi gatiin wal'aansaas kan Firaansii fi biyyoota Awurooppaa garaagaraa keessa jirurra dachaa kudhaniin rakisha yookaan rakasa ta'uu isaatiin, dhukkubsattoonni baay'innaan Seenegaal,Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo fi Giinii irraa as dhufan.

"Yeroon ni fiigdi; gadi hin teeysu. Kunoo amma waggoonni diigdamii-shan darbaniiru. Garichi hojiin qabameera,garuu immoo hanga yoomii?"jette Aaminaan.

"Kaayyoon keenya, wanti nuti hojjenne yoo nuti deemnes kan hin badne ta'uu mirkaneessuudha.Dhiyeenya magaalaa Kaasaabilaankaatti hoospitaala biraa banuuf hojjechaa jirra. Kuni milkoofnaan,wiirtuulee yookiin giddugaloota bayyaanachiisaa biroo baay'ee ni banna."

"Hojii miidhamtoota bayyaanachiisuutiin Afrikaa keessatti adda-duree ta'uu barbaanna."

Qophiin BBC kuni deeggarsa maallaqaa Faawundeeshinii Biilii fi Meeliindaa Geetisiin hojjetame