Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Odeessaalee gaggabaaboo Onkolooleessa 1, 2018
Itoophiyaa
Paartiin Dimookiraatawaa Amaaraa yaa'ii adeemsisaa jiruun kanneen dhiyeenya mana sirreessaatii bahan obbo Malaakuu Fantaafi geneeraal Asaaminaw Tsigge dabalatee namoota hin eegamiin koree gidduugaleessaaf kaadhimeera.
Zaambiyaa
Poolisiin Zaambiyaa lammiilee Chaayinaa lama dhaabbilee nageenyaa biyya keessaaf leenjii waraanaa kennitaniittu jechuun to'annoo jala oolchee. Daafii kanaan lammiilee Zaambiyaa dabalatee namooti 11 hidhamaniiru.
Indooneshiyaa
Kirkirri lafaa jimaata darbe Indooneeziyaattii qaqqabe hanga yoonaa yoo xiqqaate namoota 844 lubbuu dabarseera. Tola ooltoonni biyyatti namoota lubbuun darbe iddoo tokkotti awwaalaa jiru. Hojjetaan dhaabbata gargaarsaa Save the children Tom Howels iddoowwan amma yoonaa hin qaqqabamne bira gahuuf hojjechaa jirra jedheera.
Iraan
Alkooliin faalamaa Iraanitti namoota 42 galaafatee. Dubbii himaan Ministeera fayyaa biyyatti dhugaatichi namoota 16 jaamse, 170 keessaa immoo yaaliidhaan dhangalaa'aa qaama keessaa baafne jedhan. Iraanitti alkooliin seeraan kan dhorkame yoo taheyyuu, dhoksaadhaan hinuma raabsama.
Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa
Loltoonnii Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa meeshaalee dhuka'oo daangaa isaanii irratti awwaalamanii jiran funaanuu jalqabneerra jedhan. Iddoowwan loltoonni dhibbaan lakkaawwaman yeroo waraanaa du'anirraas ni qulqulleessinaa jechuun qondaaltoonni biyyoota lameenii himaniiru.
Siwiidiin
Saayintistoonni akkatti sirna ittisa qaamaa fayyadamuun kaansarii lolu dandeenyu bira ga'an, badhaasa Noobeelii fayyaa 2018 tii mo'atan. Piroofeesara lammii Ameerikaaf Jeems Allisaniif pirofeesara Taasukuu Honjoo lammii Jaappantu badhaasicha fudhate.
UK
UK n hoteelonnishee qarshii dabalataa tajaajila booda kennamu hojjettoonni akka hirmaanneef seeraan nan dhorka jettee. Biyyattiin murtee kanarra kan geesse bara 2015 suuqiiwwan huccuu qarshii dabalataa hanga harka 10 fudhatu jechuun erga uummanni dheekkameeti.