Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eebbaa Tasfaayee: Yeroon itti dammaqan yoom?
Warri sammuu namaa xiinxalan (psychology) dammaquun yookiin motivation'n fedhii waa tokko raawwachuuti jedhu.
Eebbaa Tasfaayeen waltajjiiwwan garaagaraa irratti dubbiiwwan dammaqsoo ni taasisa, dhimmoota kanneen akka hojii ofii milkeeffachuu, jireenya jaalalaa qabachuufi 'of baruu' faa irratti leenjii kenna.
Digirii jalqabaa qorannoo xiinwaasaa, digirii lammataa kaawunsiliingii (Ogummaa gorsaa) dabalatee leenjiiwwan wal-qabatoo danuu fudhate qaba.
Sammuun ibsaa qaama namaati
Eenyummaa namaa kan uumu sammuu yookiin yaada namaati jedha Eebbaan, akkatti sammuun yaadu kan qaru immoo waan dhagahufi argu dabalatee muuxannoo jireenyasaa keessatti argatudhas jedha.
Kanaaf ''jireenya keenya kan jennu harki kudhan waanta nu mudatu yoo tahu, harki sagaltama immoo waan nuuf dhufe yookiin nutti dhufe sana akkaataa ittiin ilaallu dha''
Namootni waan jireenya isaanii keessatti dhufu to'achuu hin danda'ani. Akkaataa dhimma tokko ittiin ilaalan garuu geeddaruu danda'u jedha.
Dammaqsuun isa namni yeroo gaddinu ''jabaadhu'' nuun jedhee waa gochuu akka dandeenyu nu jajjabeessu irraa jalqaba jedha.
Karaa biraan immoo namoota jireenya isaanii milkeeffachuun fakkeenya tahan ilaaluun nutis xiiqiin akka namoota sanaa tahuu waan nu keessa galuuf waan barbaannu sanaaf oonnachuu jalqabana jedha.
Namni akkamitti dammaqa?
Namootni dammaqoo dha kan jennu yeroo fedhii isaanii beekanii isa fiixaan baafachuuf hojjeetani dha.
Kunimmoo of baruu irraa jalqaba jedha Eebbaan, of baruun booda eenyummaa keenya ofitti yoo simanne dha, waan barbaannu kan milkeeffannu jedha.
Qorannoowwan xiin-sammuu yeroo garaagaraa Waldaa Ogeessota Xiin-sammuu Ameerikaa APA tiin bahan namootni karoora baafachuun, dorgommii yookiin xiiqiin, namoota jireenya isaaniitiin milkaa'oo tahan naannoo isaaniitti qaban ilaaluun dammaquuu yookiin onnachuu danda'uu jedha.
Haa ta'u malee namnoonni kaka'umsi isaanii keessa isaaniitii dhufu, waan gochuu barbaadanitti cichuu irratti cimoo dha jedha.
Leenjisa jireenyaa
Dhaabbatni leenjii T.E.A Consultancy jedhamuufi Eebbaaf waa'iloota isaan waggaa 6 dura hundeeffame leenjii jireenyaa kenna.
Jireenya akkam godhanii leenjisu jennee gaafanneerra.
Yeroo baayyee jedha Eebbaan ''namni leenjii jireenyaa kennu ofii hunda beekee otoo hin taane, mala saayinsaawaa barateen namni tokko humna keessa jiru guutummaa guutuun akka fayyadamu gargaara''
Kanaaf, leenjisaa jireenyaa bira namni tokko yoo dhufe '' akkas godhi, sana godhi jedhama osoo hin taane; rakkinnis furmaatnis namuma sana bira jira waan taheef daawwitii tahee itti agarsiisuun gargaara''
Seenaa isaanii irraa dhageenyuun ''daawwitii taanee rakkoo isaanii itti agarsiisu yaalla, yeroo baayyee namni rakkoosaa ofirratti hin argu'' jedha.
Eebbaan, dhaabbatni isaanii takkaa leenjii yoo kennu namooni gama sanaan of leenjisuu akka jalqaban akka itti himan dubbata.
Haa tahu malee hawaasa keenya keessa namoonnii dhuunfaa ammayyuu amaleeffannaa leenjii fudhachuufi hasaawaa dammaqasoo maayii koo jedhanii dhaggeeffachuu hin qaban jedha.
Yeroon Dammaquu yoomi?
''Yaada biyya kana keessatii ba'ee biyya lafaa guutuu jijjiiruu danda'u qabna'' jedha Eebbaan. Biyya keenyaa bunaafi warqee qofa osoo hin taane yaadas erguu akka dandeenyu agarsiisu qabnas jedha.
Namni tokko jireenyasaa geeddaruuf yookiin kaayyoo barbaade biraan ga'uuf amma kana sammuusaa guddisuu akka qabu yoo amaneef, ammumarraa jalqabeeti jijjiiramni jalqaba osoo hin taane - jalqabeera.