Qabxiilee sagal hariiroo namoota waliin qabdan fooyyessuuf gargaaran

Madda suuraa, Getty Images
Gaa'ilas ta'e hiriyyummaa gaarii, walitti dhufeenya hojii ta'e kan jaalalaa, walitti dhufenyi namoota waliin ummannu jireenya keenya baay'ee barbaachisaa ta'us danqaawwan heddu qabatanii dhufu.
Qabxiilee muraasa walitti dhufeenya kanneen fooyyeffachuuf isin gargaaran kunooti.
1. Wal-dhabdeen yoo umamee nahuu dhiisuu
Yeroo hundumaa haalli ittiin wal dhabdee hiiknu murteessaadha.
Garaa garummaan fedhiifi yadaa yeroo hundumaa wal dhabdeetti geessu danda'u.
Wal dhabdeen walitti dhufeenya namoota waliin qabnu keessaatti umamaan yeroo hunda badaa miti.
Hiriyyummaan keenya yeroo hunda kan cimuu fi kan dagaagu garaa garummaa keenyaan waan ta'eef wal dhabdeen siriiyyu walitti dhufeenya keenyaaf bu'ura ta'uu danda'a.
Wal dhabdee haala salphaadhaan hiikuudhaaf jalqaba waan nama kaaniitti dhagahamaa jiru hubachuuf yaaluun gadda agarsiisuun murteessaadha.
Akkasumas balleessaan kan keenya yoo ta'ee itti gaafatamummaa fudhachuuf qophaa'oo ta'uun tarkaanfii jalqabaati jedha oggeessi wal'aansa gaa'ilaa Isitar Peral.
''Yeroo hundumaa namni kaan maal balleesse osoo hintaane, ani maalan balleesse jechuun gaafachu qabna. Maal sirreessuun qaba jechuun yaadu qabaanna.''
2. Of ta'anii argamu
Yeroo tokko tokko ariitiin gara walitti dhufeenyaatti gallee adeemsa keessa waan eenyummaa keenya dhabne nutti fakkaatu danda'a ta'a.
Yeroo hunda yeroo fudhachuun nama kaaniifis yeroo kennuun barbaachisaa ta'a.
Hanga danda'ameen dhimmoota jaalattaniifi isiin bohaarsan raawwachu hin dhaabinaa.
3. Waliin bohaaru
Haala kamiiniyyuu yeroo waliin dabarsitan kan hin dagatamne taasisuuf yaalaa.
Dhimmoota barbaachisoo ta'an tokko tokko bituu fi qophiiwwan adda addaa irratti hirmaachuuf qofa osoo hin taane, akkasumaan yeroo gaarii waliin dabarsuun walitti dhufeenyaa ni cimsa.

Madda suuraa, Getty Images
Yoo danda'ame iddoo itti wal agartan dursa murteessuun beellama qabachuun gaariidha.
Tarii namni waliin dabarsuuf yaaddan sun kan hojii biraatti ko'oommatu yoo ta'e, torban ykn ji'atti al tokko waliin irbaata nyaachuu ykn magaalaan ala bahuun waliin yeroo dabarsuun walitti dhufeenya cimsuuf baayyee gargaara.
4. Ifatti waliin mari'achu
Mee yaadachuu yaalaa, yeroon waldhabdee xiqqoon gara waldhabdee olaanaatti geessan ni jiraataa?
Yaada haala salphaafi ifa ta'een ibsachuun walitti bu'iinsaa fi waldhabdee hin barbaachifne ni hir'isa.
Yeroo mara ergaan dabarsiitan tokko nama sanaaf hiikaa biraa akka hin laanne of eegannoo taasisu qabdu.
5. Waan hundumaa nama tokko qofarraa eegu dhiisuu
Qabxiin kun keessattuu namoota walitti dhufeenyaa jaalalaa keessa jiraniif baayyee barbaachisaadha.
Beeknees ta'e osoo hin beekiin jaalallee ykn abbaa warraa ykn haadha warraa keenya irratti dhiibbaa olaanaa taasisu dandeenya ta'a.
Yeroo hundaa namni gaa'ilaan waliin jiraannu jaallallee keenya, kan miira keenya hubatan, ofitti kan amanatan, kan rakkina maallaqaa hin qabaannee, kan yeroo hunda nu bohaarsaniifi kkf akka ta'an eegna.
Kanneen keessaa tokkoon kan dogongortan yoo ta'e garuu, walitti dhufeenyi keessan gaaffii keessa galu mala.
Namni tokko waan hundumaa sirriin hojjachu hin danda'u. Fedhiiwwan keenya tokko tokkoof namoota hirmaachisuun ni barbaachisa.
6. Yeroowwan garii waliin dabarsan deebi'anii yaadachuu
Jireenyi yeroo hunda salphaa miti. Kanaafuu yeroo gaarii waliin dabarfamee deebiisanii yaadachuun waa'ee isaa haasa'uun yeroo cimaa irranfachuuf ni gargaara.
Namni tokko yoo ilmoo argatutti maatiifi hiriyyoota waliin gammachuun dabarfamu kan irranfatamu hin ta'u. Yaadanoo gaariis dhiisee darba.
7. Gargaarsa gaafaachuuf sodaachu dhiisuu
Nama tokko waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannuuf, waan nutti dhagahamu ibsachuuf, gargaarsa gaafachuuf sodaachuun nurra hin jiraatu.
Waan nu sodaachisu dubbachuuf cimina qabaachu barbaachisa.
8. Warra kaaniif dinqisiifannaafi gaarummaa agarsiisu
Waa'ee nama tokko kan yaaddan yoo ta'e, bilbilaanis ta'e karaa ergaa barreeffama gabaabaatiin dinqisiifannaa keessan ibsadhaa.
Yoo hiriyaan keessan beellama cimaa qabaate yaadachisuuf yaalaa.
Attamiin akka dabarse gaafachuunis miira waliif yaaduufi amantaa isin jidduutti ni uuma.
Hojiidhaan yoo bu'a qabeessa ta'anis gammachuufi dinqisiifannaa keenya ibsuufiin barbaachisaadha.
9. Nama dogongoraa irraa bilisa ta'e qofa argachuuf hin yaalinaa
Namni tokko nama sirrii waliin walitti dhufeenya umuunsaa attamiin beekama? Jalqaba walitti dhufeenyi umamuu qabaata.
Dhimmi yaadachuu qabnu, nama sirriidha jedhamu argachuun baayyee rakkisaadha.
Kanaafuu, walitti dhufeenya ummanne bareechuuf yaaluu fi waan gariisaa ilaaluuf yaaluun barbaachisaadha.
Namni tokko gaariis badaas kan ta'u nama waan ta'eefi jechuun hubachuun barbaachisadha jedhu oggeeyyoonni damee kanaa.
Kanaafuu namni tokko yoo dogongoru irraa baqachuun yoo sirrii ta'u itti maxxanuun gaarii miti.












