Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni lama Wallagga Bahaatti ajjeefaman
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sireetti halleellaa dargaggoonni raawwataniin namoonni lama ajjeefaman.
Rakkoon kun Aanaa Siree ganda Waligalteetti raawwate.
Sambata darbe dargaggoonni waliin ta'un namoota lama konkolaataa irraa buusuun dhagaadhaan reebani ajjeesuu isaanii namoonni ijaan argan kan himaniiru.
Ajajaan poolisii Aanaa Sibuu Siree, Komaandar itti-aanaa Caalaa Obbosoo namoonni kuni dhagaadhaan akka reebamani ajjeefaman ragaa bahaniiru.
Sababni waldhabdee kanaas, waldhabdee namoota gidduutti ture ta'u himaniiru.
Maqaan namoota du'anis Fitsum Mahaariifi Haftu Hagazom akka jedhaman kan himan.
Jiraattonni naannichaa namoonni lamaan A.L.I bara 1977 yeroo ijoollummaa isaanii Tigraayirraa dhufu isaanii himu.
Obbo Fitsum kan jedhaman Maqaleetti mana ijaarani achitti galuuf qodaa osoo geeffatani ajjeeman kan argan himanis ajajaan poolisii garuu odeeffannoo akka hin qabne dubbatu.
Maatiin namoota du'ani reeffa fudhatani deemuuf jedhanis asumatti owwaalaa jedhamani akka sodaachifaman himu.
Komaandar itti-aanaa Caalaan akka nutti himanitti reeffi qorannoof hospitaala erga geeffame booda achuma gandichatti har'a awwaalamu isaanii nutti himaniiru.
Dhimma isa reeffa dhowwatamu akka quba hin qabne kan himan ajajaan poolisichaa, namoonni du'an waggoota 30 olif achi kan jiraataniifi maatiin isaanii kaan achuma akka jiraachaa jiran dubbatu.
Yakka raawwate walqabate nami to'annaa jala oole jiraachuu kan gaafataman hoggantichi ''dhimma qorannoorra jiru waan ta'ef odeeffannoo kennuu hin danda'u,'' jedhaniiru.