Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Burundii: Daarektarri osoo barataaf qoramuu qabame hidhaa waggaa 5n adabame
Burundiitti daarektarri mana barbootaa sadarkaa lammaaffaa tokko qormaata bartonni yunivarsitii galuuf fudhatan maqaa barataa tokkootiin qoramuuf galee osoo hojjattu qabamee ture mana murtii Bujumburaatiin hidhaan waggaa 5 itti murtaa'u dhagame.
Kana malees, Mr Benjaamiin ogguummaa barsiisummaa akka hinhojjanneef waggoota 10 kan dhorkamaniiru.
Hojjataan heerregaa mana barnootichaa Eriki Nkurunzizaa fi barsiisaa Laazaard Nihezaagireenis waan balleessaa daarektarichaa dhoksaniif, balleessan irratti argamuun hidhaa waggaa 2 irratti murtaa'uun, waggoota 5f hojii motummaa keessatti akka hin mindoofneef itti murtaa'eera.
Daarektarri mana Koleejjii ogummaa Buterere Kaaba Magaalaa Bujumburaatti argamuu Beenjaamiin Maaniiraamboonaa osoo qormaata isa dhumaa hojataa jiru ture poolisiifi ministira barnootaa fi qondaaltoota waliin galama keessa galuun kan qabame.
Daarektarri Beenjamiin harkatti qabamuun haala itti baqatan dhabuun, achuma galma qormaataa keessatti balleessa amananiiru.
Gochichas maaliifi eenyuuf akka raawwatan gaafatamanii ilma loltuu nagaa eegsiisuuf Somaaliyaatti duuleef qoramaa jiraachu amaneera. Abbichis yoo dirqamicha irraa deebbii'uutti olamaa isaatiif maallaqa akka kanfaluuf waadaa galuusaa himeera, Mr Benjaamiin.
''Kan jechaa jirtu hundi soba waan ta'eef gara mana hiidhaa deemuu qabda,'' jedhaniiru Ministirri Barnootaa biyyattii Jaanviyar Nidiiraahiishaa kan poolisoonnii waliin bakkicha turan.
Poolisiinis erga dhimmicha irratti eeru argateen booda daarektaricha barattoota hataa turan kan biraa waliin qabusaanii ibsaniiru.
Itti dabaluunis ''qoranno ni gaggeessina sababiinsaas kana yoo raawwattu yeroo jalaqaaa kee akka hintaane dhaggeenyee jirra,'' jechuun dubataniiru ministirittiin.
Poolisiin alattis riippoortaroonni hedduunis haallicha gabaasuuf bakkichatti argamanii turan.
Daarektarichis barattoota qormaata hatuun shakkaman kan biraa afur waliin kan qabaman yoo ta'u, barataan tokkoos daarektaricha loltuu jedhame waliin walitti fideera jedhamuun shakkamee himatameera.
Daarektarichis wayita ammaatti to'annoo poolisii jalatti kan argaman yoo ta'u, biyya Burundiitti barattoonni qormaata murteessoo kan fudhatan mana barnootaa isaanii alatti waan ta'eef Benjaamiin lafa qormaata fudhataa turaniitti beekamuu addda baafamu hindanda'amiin hafeera.