Mootummaan Sudaan Kibbaafi finciltootni waliigaltee araaraa mallatteesan

Mootummaan Sudaan Kibbaa hoogganaa finciltootaaf aangoo qooduuf waliigale.

Pireezidantiin biyyattii Saalvaa Kiiriifi hoogganaan finciltootaa Riik Machaar walii galtee araaraa kana Sudaan keessatti mallatteesan.

Waliigaltee kanaan Machaar, aangoowwan itti aanaa pireezidantii shan keessaa isa tokko kan qabatan yoo ta'u waligaltichi waraana waliinii waggoota shanan darban lubbuu namoota kumoota kidhaniin lakkaawamanii gaaga'e fi miiliyoonota buqqise ni dhaaba jedhameera.

Yaaliiwwan kanaan dura waldhabdee kana furuuf taasifaman osoo hin milkaahiin hafaniiru.

''Duraan dursee, dhimmoota gurguddoorratti walta'aniiru. waliigalteen kun dhaabbileen hunduu waraana dhaabuuf waadaa galan agarsiisa,'' jedhan ministirri haajaa alaa Sudaan kan jaarsummaan jara walitti fidan Al-Dirdiirii Mohammad.

Pireezidant Kiir jimaata darbe dubbii dubbataniin akka kanaan duraa yaaada furmaataa ''nurratti fe'ame'' waan hin taaneef fudhatama akka argatu abdii guutuu qabaachuu himaniiru.

'' wal-ta'iinsi alanaa hin kufu . Ani waliigalteen kun kaniin hin kufu jedhuuf uummattootni Sudaan Kibbaa nagaa walii kennuuf waan waliigalaniifi,'' jechuun dubbachuu isaaniis Rooyitarsi gabaaseera.

Sudaan Kibbaa bara 2011tti Sudaan irraa fottoquun biyya ofii dandeesse kan taate. Erga bara 2013tiis waraana waliinii sabummaa irratti xiyyeefateen hunkuramaa jirti.

Waldhabdeen uummatoota biyyattii kan hammaate gosa Dinkaa kan Kiir keessaa dhalataniifi Nu'eer kan Machaara keessaa dhalatan gidduutti jabaateeni.

Waraanni kun kan hammaatee eegale wayita itti aanaa pireezidantii yeroo sanii kan turan Machaariin fonqolcha mootummaa raawwachuuf yaadeera jechuun aangoorraa ari'an yoo ta'u Machaar himannaa kana sobadha jedhan.