Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hayilamaaram Dassaalenyifi Mangistuu Hayilemaariyaam wal argan
MM duraanii Itoophiyaa Obbo Hayilemariyam Dessaalenyifi pireezidantiin Itoophiyaa duraanii Koloneel Mangistuu Hayilemaariyaam wal argan.
Hogganoonni lamaan magaalaa gudditti Zimbaabuwee Harareetti wal argan.
Obbo Hayilemaariyaam Dessaalenyi garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa dursuun garasitti kan imalan.
Hogganaan Dargii koloneel Mangistuu Hayilemaariyaam ammoo bara 1991 wayita sirni Dargii kufu ture gara Zimbabuweetti kan baqatan.
Obbo Hayilemaariyaam Dessaaleny koloneel Mangistuu Hayilemaariyaam waliin wal arguu isaanii fuula 'Facebook' isaanii irratti himan.
"Jijjiirama sirnaafi wal harkaa fuudhinsa aangoo nagaa qabeessa booda hoggantooti duraanii hedduu biyya keessa turanii gumaacha isaanii wayita kennan arguun hawwii kooti," jedhaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa koloneel Mangistuu Hayilemaariyaam irratti bakka hin jirretti murtee du'aa itti murteessee jira.