Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinnee: Masjiidni guddichi Anwaar balaa ibiddaa irraa hafe
Ibiddi Roobii kaleessaa halkan keessa ka'e Masjiida Anwaar irratti badii guddaa otoo hin geessisiin to'annoo jala ooleera.
Haa ta'uutii suuqiiwwan naannoo masjiidichaa jiran qabeenya isaanii waliin barbadaa'aniiru.
Balaan kun gama bataskaana Raagu'eeliin barteedhaan 'karra dubartootaa' jedhamurraanii kan miidhaa qaqqabsiise.
Karra dubartootaatii qabee hanga suuqiiwwan daldala dhadhaa naannoo ''Gondar barandaa'' jedhamutti miidhaa geessiseera.
'Gondar barandaan' lafa meeshaaleen elekitirooniksii gurguraman yoo ta'u manni barumsaa Umar Samatar cinaa masjiidichaattii argamu balaan akka irra hin geenye namoonni ijaan argan ragaa bahaniiru.
Manneeetii labsii(daa'awaa) fi barnootaa dallaa karra dubartootaa keessatti argaman baaxiin isaanii gubachaa turan jechuun ibiddicha dhaamsuu keessatti kan hirmaatan obbo Muktaar Mahammad BBC'tti himan.
Balaa kanaan namni akka hin miidhamne Daariktarri Koominikeeshinii Abbaa Taayitaa To'annoofi Ittisa Ibiddaa magaala Finfinnee BBC'tti himaniiru.
Suuqiiwwan elektirooniksii, uffataa, dhadhaafi dammaa ibiddichi saffisaan akka qabatu waan godhaniif guutummaan guutuutti barbadaa'uu isaanii dubbataniiru.
Dhumarrattis hirmaannaa hawaasaafi hojjettotaa yeroo balaa 112 ta'aniin har'a barii to'annoo jala oolera.
Sababiin balichaafi miidhaan inni geessisse qoratamaa jira jedhaniiru.