Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaatti tajaajila baqaqsanii yaaluu booda namootni dachaa tahan ni du’u
Afrikaatti dhukkubsatootni tajaajila baqaqsanii yaaluu erga argatanii booda carraan du'uusaanii kan adunyaarraa gidduu galeessaan dacha lama ta'usaa qorannoon mul'ise.
Garuu waan sodaachisaan adda bahe tokko namootni hammam tahan carraa baqaqsanii yaaluu filatamaa tahe argatu kan jedhudha.Kunis tajaajila baqaqsanii yaaluu karoorfamaa tahe jechuudha.
Akka qorannoon barruu medikaalaa laanseet jedhamu keessatti maxxanee bahe agarsiisutti,lakkoofsi tajaajila baqasanii yaaluu hojjetamu isa barbaadamu irraa dachaa 20'n gadi bu'aa dha.
Hanqina tajaajilichaas du'aatii dhokataa ykn sagalee hin qabne jechuun waamu.
Miiltoo barreffama qorannichaa kan tahe piroofeeser Biruus Biikaardi,Yuunivarsiitii Keepi Taawon irraa,Ze Gaardiyaanitti akka himetti rakkinichi hanqina ogeessota medikaalaaa fi buufataalee fayyaa tajaajilichaan booda hordoffii itti taasisaniiti jedha.
Sababni guddaan uummatni Afirikaa tajaajila baqaqsanii yaaluu Kanaan miidhamus hanqina humna namaa tahuusaati jedhan.
Adunayaarraa namootni erga tajaajila baqaqsanii yaaluu argatanii du'an, 1% yoo tahan, lakkofsi kun lammilee Afrikaa dhukkubsatanii tajaajilicha argataniif gara 2.1% ol ka'a.
Afrikaatti dhukkubsatootni yaalii kana argatan irra jireessaan dargaggotaa fi carraan miidhamuu isaanii xiqqaa tahus, tajaajila baqaqsanii yaaluun booda Carraan du'arraa ooluu isaanii isa kan adunyarraa gadi bu'aadha, akka gabaasichi jedhutti.
Dhukkubsatootni Afrikaa keessaa dabalataan dhukkubuma salphaa taheef tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuun,akkasuma dhibee sasalphaa biraaf saaxilmu.
Tajaajilli baqaqsanii yaaluu beekamaan amaleeffatame kan yeroo dahumsaa taasifamu[caesarean delivery] 33% kan qabatuu dha.
Kun qorannoo guddaa yeroo kamiyyuu caalu akka Afrikaatti gaggeefame yoo tahu,xiinxala odeeffannoo manguddota dhukkubsatan 11,422 biyyoota 25 kan akka Itoophiyaa,Naayijeeriyaa,Gibtsi,fi Afrikaa Kibbaa irraa hamate dha.
Biyyota kanneen keessa tajaajila jiru wal madaalsiisuun waanti taa'e hin jiru sababni isaa immoo haammi tajaajila baqaqsanii yaaluu xiqqaan isa eegameen gadi waan gaggeefamuuf, jedhu qorattootni.
Xiinxala-Tuulip Maazuumdar,Gabaasaa fayyaa Adunyaa
Qorannoon kun hojii deeggarsa barruu laanseet dhimmaa baqaqsanii yaaluu adunyaarraatti bara darbe hojjetamee, namootni biiliyoona shan tahan tajaajila baqaqsanii yaaluu eeggannoo qabu hin argatan jedhu irratti hundaa'uun gaggeefame.
Biyyoota gammoojii Sahaaraan gadii keessaa namoota 10 keessaa tokko [1]qofaatu tajaajila baqaqsanii yaaluu bu'uuraa argata.Kanumayyuu yommuu argatan carraan Dhibee Biraaf Saaxilamuu Ykn Sababa Kanaan miidhamuusaanii kutaa biyyota kaanii caalaa baay'ee olka'aadha.
Kuni hundinuu sababa hanqina sirna fayyaa qindaa'aa, humna namaa ykn ogeessotaa fi dhukkubsatootni tajaajila barbaadan dhabuu irraa kan dhufe dha.Tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuun dhimma guddaa miti, erga tajaajilamanii booda kunuunsa fayyaa argachuu dha malee.
Dhukkubsatootni erga yaalamanii booda beellamaan dedeebi'uun hordoffii taasisuu qabu garuu maatiinsaanii baay'inaan mana yaalaa irraa fagaatanii waan jiraataniif kaffaltii dedeebi'anii ittiin yaalaman haguuguun itti ulfaata.
Akkasumas barreessitootni qoranichaa tajaajila baqaqsanii yaaluu kana dabaluun gaarii dha garuu tajaajilichi qulqullinaa fi gahumsa qabaachuu qaba jedhu.
Tajajilicha kennuuf meeshaaleen barbaachisan guutuu miti yoo tahe carraan tajaajilicha booda dhukkubaaf saaxilamuu akka malee to'annootiin ala dabaluu danda'a.