Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan alangaa waligalaa Niiw Yoork dubartoota dhahuun himatamnaan aangoo gad-lakkisan
Abbaan alangaa waligalaa NiIw Yoork Erik Shinaaydarman erga dubartoonni afur nu dhaheera jedhani booda aangoo gad-lakkisan.
Barruun 'The New Yorker' jedhamu gabaasa dubartoonni afur isaan akka dhahaman himanii booda kan aangoo gadhiisan.
Afran keessaa lama jalaalewwaan isaanii duraaniiti.
Obbo Shinaaydarman garuu himata kana kan balaaleeffatan yoo ta'u, duula dubartoonni koorniyaa isaanii irratti xiyyeeffachuun badii irratti raawwatu mormu, duula #MeToo, deeggaruun beekamu.
''Nama tokkoyyuu hin rukunne. Walqunnamtii saalaa waligaltee malee kan raawwadhes hin qabu,'' jedhaniiru.
''Himanni amma ana irratti dhihaate hojiikoo waliin hidhata qabaachuu dhabus hojiikoo gaggeessuu na dhorka,'' jechuun aangoo gad-lakkisuu isaanii ibsaniiru.
Bulchaan magaalaa Niiw Yoork Andiriw Komoo illee Shinaaydarman akkana ta'anii hojii isaanitti fufuun waan itti cimu natti fakkaata jedhan.
Dubartoonni lama barruu 'The New Yorker' jedhamuf akka dubbatanitti, jaala isa waliin qaban yoo dhaaban akka isaan ajjeessu dubbateera.
Sababa miidhaa dubartoota irratti Holiwuuditti raawwatu waan gabaasanif ji'a darbe barruun 'The New Yorker' badhaasa 'pulitzer' jedhamu gaazexaa 'The New York Times' jedhamu waliin badhaafamaniiru.