Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamaan Toroontootti konkolaataadhaan namoota 10 fixe gaafatame
Poolisiin Kanaadaa namicha guyyaa kaleessaa kaaba Torontootti konkolaataa lafoo deemtotarra oofuun namoota 10 ajjeesee, 15 madeesse to'ataniiru.
Dargaggeessi waggaa 25 Alek Minassian aanga'oota biyyattii biratti nama akkaan beekamu miti, jedhu poolisoonni.
Balaan sun ittiin yaadame raawwate, fedhiin duuba jiru garuu ifa miti, jedhu poolisoonni dabaluun.
Ministirri Muummee Kanaadaa Justin Trudeau balaa suukanneessaa fi hiikamaleessa kanatti baayyee gaddeera jedhan.
Poolisoonni nama yakka suukanneessaa raawwate kanarratti battalumaan dhukaasa otoo hin banin suuta jedhanii karaa nagaan to'achuusaaniis galateeffataniiru.
Namni kun wayitameeshaa harkaa qabu poolisootatti aggaamee na ajjeesaa jedhee dhaadatullee televiziyoona biyyattii CBC irratti viidiyoodhaan mul'achaa ture.
Poolisoonni eenyummaa namichaa fi badii inni balleesseef adabbii isa mudachuu malu irratti hojjechaa jiru