Qubsuma koo 22፡ 'Biyyan itti dhaladheefi maatii waliin gammachu itti qoodadheen yaada'

Maqaan koo Nastaanaat Tasfaamikaa'el jedhama. Kanan dhaladhee Itoophiyaatti yoo ta'u, kanan guddadhe ammoo Eritiraatti.

Barreesituu fiilmii, taatuu, gaazexeessituu fi wayita ammaa kanatti ammoo haadha ijoollee lama qofaa guddisaa jituudha.

Eritiraa irraa gara Holaandi lafa Haawuzan jedhamu kanan dhufe ALA bara 2005 ture. Gara Holaandis kanan dhufe onnee koo barbaacha ture.

Abbaan warraa koo baayyee gamadaa ture. Jirenya isaas asi Holaanditti taasifate. 'Sagantaa 'maatii walitti fiduutiin' anis isa waliin jiraachuuf gara Holaandi dhufe.

Yeroodhaan boodas afaan isaaniis baradhee. Ijoollee lamas godhadhe.

Nyaatawwan asitti soorachuu jaaladhu keessaa waaddiin dinnichaa baayyee natti tola. Kana malees gatiinsaas baayyee gadaanaadha. Akkasumas ni mi'aawa. Garuu amma akka nama furdisu waanan bareefu nyaata isaa hiriisuuf yaalaan jira.

Biyya Neezerlaandis yoon Eritiraa wajjiin walbira qabu kan na dinqu, bal'ina Eritiraa harka tokko sadaffaa kan haguugu ta'ee uummta miliyoona 17 qaba.

Kana yoon jedhu garuu, waa'ee misooma bu'uuraa dubbachuu kiyya osoo hin taane, waa'ee aadaa yoon yaaduudha.

Fakkeenyaaf, jireenyi hawaasummaa keenya kan warra adiitti tole jedheen yaada ture. Sababiinsaas walitti dhufeenyi wayita gaddaa fi gammachuu qabnu eessattuu kan argamu miti. Kana ammoo asitti argachu dhabuu kootti baayyee qofummaan natti dhagahama.

Kanaafuu ijoollee kiyya malee kan jaalala maatii naaf kennuu barreefama kooti.

Barreessuu, reebuu nan jaaladha. Kunis jiruu guyyaa guyyaa koo waan ta'eef, gammachuus ittin argadha. Akkasumas ogummaa barreeffamaa kiyyas ittiinan gabbifadha.

Haalli gara biraa biyyattii adda taasisu ammoo, haala guddisa ijoolleeti. Aadaa keenya keessatti ol jennee ija maatii keenyaa ilaallee hin beeknu turre.

Asitti garuu haala sanaan ijoollee guddifna jechuun yaaduun ijoollee ajjeesuun adda ta'ee hin ilaalamu. Sababiinsaas akka ofitti hinamanne taasisuudha waan ta'eefiidha.

Bakkan jiru taa'ee karaa foddaatiin ala yoon ilaalu kan gara samuutti na dhufu tasgabbiidha.

Sababiinsaas tasgabbiirratti har'aa fi har'atti, ka'umsaafi kufaatii, boqonnaa jireenya kootii kanan ittin argu tasgabbii waan ta'eef tasgabbii keessatti cimina arguun nan madaala.

Kana booda qorri awurooppaa nama gogsuu omaa natti hin fakkaatu.

Biyya kootii kanan baay'ee yaadu maatii fi firoota kooti. Jireenyi hawaasummaa kiyyaa fi ogummmaan gaazexessuummaa hojjachaa tures baayyeen yaada. Keessattuu ammoo aduu baayyeen yaada.

Namoonni Holaandi hundinuu kan na dinqan karooraan kan socha'an ta'usaaniti. Fakkeenyaaf, kennaa yoo kennuuf barbaadan feesitaalatti qabatanii dhufuun feesitaalichi akka deebiifamuuf ni gaafatu.

Sababiinsaas, karoorrisaanii kennaa kennuudha malee feesitaalicha kennuu waan hin taanefi. Haala kanaan nuti aadaadhaan maal nuun jedhuun waan nu hubuuf osoo duunee waa'e feesitaalaa hin gaafannu.

Kun osoo nurraa geeddaramee nan jaaladha. Osoo karooraa fi kaayyoon kan sochoonu taanee baayyee gaariidha.

Yeroo boqonnaa kiyyatti dhaabbata tola ooltummaa keessan hojjadha. Ani qofaa koo ijoollee lama guddisaa as gaheera. Kanaafuu warra kaan gargaaruun barbaada. Wayita ammaattis fiilimii hojjachaan jira. Kanaafuu 'fiixaan siif haa bahu' osoo naan jedhanii baay'een jaaladha.

Osoon akka tasaa Hoolaandii bahee bakkan barbaadutti of arguu danda'a ta'ee, lafa handhuurri kiyya itti awwaalame, itti dhaladhee guddadhee, maatii kiyya waliin gammachuu itti qoodadheen yaada. Kanaafu bakkan jaalalaa, jireenyaa fi maatii itti gammachisetti ofi arguun barbaada ture.