Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’el lafa seenaan osoo hin galmaa’in dura tureefi ‘jannata’ jedhaniin qottee baaste
Arkiyoolojiistoonni Israa'eel naannoo magaalaa Teel Aviiv bakkee seenaan osoo hin galmaa'in dura tureefi namoonni adamoofi ija mukaan waggaa 500, 000 dura keessa jiratan argatan.
Bakki kun yeroos namoota adamoofi ija mukaa funaanani jirataniif 'jannata' jedhameera.
Bakki karaa konkolaataan irra baay'atu Jaaljuuliyaa biratti argamu kana kanatti qottoo dhagaa dhibba hedduun lakkaa'amuufi meeshaaleen faayaa baay'ee argamaniiru.
Bakka kanatti lagni, bosonaa fi horiin baay'inaan turaniiru - kun hundi ammoo namni durse akka jiraachaa ture kan agarsiisuudha jechuun oggeessonni dubataniiru.
Yunivarsiitii Teel Aviivitti itti gaafatamaa arkiyooloojii kan ta'an Raan Barkaay bakki kun ''haala dinqisiisaan kan qamabe tureedha,'' jedhaniiru.
''Namootaaf kun akka jannataati, kanaafuu deddeeb'anii dhufaa turani,'' jedhu.
''Bishaan achii dhagaa qara gadi fida. Isaan fayyadamuun meeshaalee itti fayyadaman achumatti hojjetu. Bineensonnillee bishaan barbaacha dhufan immoo gara adamsanii ajjeesuun achitti qalatan. Waan namoonni seenaan osoo hin galmaa'in dura turan barbaadan hundaa ni qabu.''
Bakki durii kunis Jaajuuliyaa fi karaa konkoolaata Route 6 jedhamu gidduu, meetira 5 lafa jalatti kan argamuudha.
Wanti argame akka ibsutti kun bakka akkaakilee namoota har'aa kan ta'an hoomoo Irreektas kan keessa turanidhaa jedhu ogeessonni qoratani baasan.
Yunivarsiitiicha wajjin qo'annaa kana kan geggeesse Abbaan Taayitaa Meeshaalee Durii Israa'eel, wanti argame kan bara sana kan agarsiisaniidha jedhaniiru.
''Wanti argame waan ajaa'ibsiisaa ta'u isaa kan isa godhu keessaa tokko haala meeshaaleen kun itti eegamanii turaniidha. Kunis waa'ee meeshaalee aadaa durii kanneenii kan hubannoo nu kennuudha,'' jechuun Maayaan Sheemeer daarektarri Abbaa Taayitaa Meeshaalee Durii Israa'el dubbataniiru.
''Qorannoon wanta qotamee bahe irratti taasifamu akkaataa jireenyaa fi amala namoota bara sana turanii gadi fageenyaan beekuuf akka nu gargaaru shakki tokko hinqabu.''
Erga bakki suni ijaarsaa haaraaf jedhamee filatamee booda ture arikiyoolojistoonni waggaa darbe gara bakka kanaa kan dhufan.
Hoomee Irreektas namaa yeroo jalqabaaf gutummaa guututti ol jedhe adeemee dha. Kunneenis gurguddoo fi jajjaboo haa ta'an malee sammuun isaanii akka nama bara kanaatti kan qaroome hinturre.