Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tamasgan har'a hiikama jedhamee eegamus, osoo hin ta'in hafeera
Gaazexeessaan Tamasgan Dassaaleny hidhaa waggoota sadii itti murtaa'e xumurus, bulchiinsi mana amala sirreessaa Baatuu hin hiiku jechuusaa obboleessi isaa BBCtti himeera.
Hidhaan waggoota sadii Gaazexeessaa kanaa Jimaata (Onkololeessa 3) kan xumurame haa ta'u malee, manni amala sirreessaa Baatuu gadhiisuuf fedhii dhabuusaatiin, gara Finfinnee deebi'aa jirachuusaanii obboleessi isaa Taarikuu Dassaaleny dubbateera.
''Kaleessa (Kamisa) bulchiinsa amala sirreeffamtootaa seenee, yoom akka hiikamu gaafadheen ture. Namni achi jiru tokkos, har'a akka hiikamu naaf mirkaneessee ture. Anis waan yeroosaa xumureef ni hiikama jedhee amanee ture.'' jedha Taarikuun.
Kana malees, isaa fi hiriyoonni Tamasgan biroo isa dubbisuuf ennaa deemanitti, haala hinbaramneen loltoota saddeetiin marfamee turuusaas obboleessisaa nutti himeera.
Turtii isa waliiniinis, ''Gadhiifamuu qabullee, akka kun hintaane natti himaniiru. Maaliif akka kun ta'es hinbeeku.'' jechuun Tamsagan itti himeera.
Haadhaafi maatiin akkasumas hiriyoonni isaa hiikamuusaa guddoo eeganii turan.
Barreeffamoonni wayita mana hidhaa keessa tureefi yeroo kaan barreesse walitti qabamuun mataduree Afaan Amaaraa ''Gizee Lakulluu'' jedhuun maxxanfameera.