Rakkooleen ciccimoo ilamaan namaa mudachaa jiran kurnan maali?

Wayita ammaa kanatti fedhii ummataa garmalee dabalaa jiru guutuuf hanqina lafaa, anniisaa niwukileera egeree, garaa garummaa hiyyeessaa fi dureessa jiddu jiruu fi dhimmoonni biroo hedduun addunyaa yaachisaa jiru.

Haa ta'u malee, rakkooleen ijoo gara fuula duraatti dabalaa jiran maal fa'ii?

Waggoottan 30 dhufanitti rakkoolee kanneen furuuf ajandaa maaltu jira? Tilmaamuuf ulfaataa ta'uus, barri qarooma saayinsiifi teknooloojii garamitti akka nu geessu baruu ni dandeenya.

Dhimmoonni ijoo gara fuula duraatti rakkoo ta'uu malanis kunoo asiin gadi jiru:

Foyya'insa qaccee dhala namaa

Bara darbee eegalee, teeknooloojiin haaraa hidda sanyii namaa (DNA) sireessuu dandeessisu qorattoota jidduutti mata duree marii ta'eera. Innis Krispar kan jedhamu yoo ta'u, hidda sanyii namaa sirreessuun dhibeewwan akka kaansarii yaaluuf oola.

Gaarii fakkaata mitii? Yoo akka tasaa waan hin yaadamneef oolee hoo? Safuu namaa hin miidhu? Ammaatti qormaata guddaa ta'u dhiisuu mala. Garuu rakkoo dhalatuf ammumaan itti yaaduun barbaachisaa dha.

Kan duri caala namoonni dullooman baay'achuu

Lakkoofsi uummata addunyaa dabaluu qofa miti, kan yaachisaa ta'aa jiru. Namoonni yeroo kamuu caalaa umurii dheeraa jiraataa jiru. Bareedas! Haa ta'u malee isaanis kununsa fedhu.

Dhuguma namoonni waggaa 100 yookiin isaa ol jiraatan dachaa 50'n dabalu. Kana jechuunis 500,000 har'a jiru irraa bara 2100'tti miiliyoona 26 ta'u.

UK, Jappaaniifi Chaayinaaatti, namoonni umurii isaanii 65 oli ni baay'atu. Jaappaan hammi dahumsaa lammiilee ishii waan xiqqaateef roobootiitti fayyadamuuf yaada qabdi.

Magaalota Badan

Magaaloonni hagam akka jaarraa 21ffaa keessatti jijjiiramaa jiran ilaaluuf, gara Miyaamii dhaquun dirqama miti. Hammi bishaan galaanaa guddachuun magaaloota muraasa dhabamsiisaa jira.

Sababii faalama qilleensaatiin, lolaan karaa guutuu qofa osoo hin taane akkaataa ijaarsa gamoowwani jijjiireera. Tarii darbiin jalqabaa gamoowwanii ol fagaate ijaaramuu qaba.

Haala amma jiruun yoo itti fufe garuu, odolawwaniifi naannolee lafa gadi-jedhaa keessatti argaman kan akka Baangilaadesh dhabuu malla. Magaaloonni yeroo kamuu caalaa dhiibbaan itti cimeera.

Godaansi sababii jijjiirama qilleensaan babal'achu magaalaa irratti yoo dabalame ammoo, magaaloonni dandamatuu dhiisuu danda'u.

Guddina Miidiyaa Hawaasaa

Miidiyaaleen hawaasaa akkaataa jaarraaf nuti ittiin wal-qunnamaa turre walxaxaa taasiseera. Namoonni baay'een odeeffannoo waan irraa argataniifuu, yoomi iyyuu eessayyu hin dhaqan. Dafanii kan badan miti. Waggoota 30 dhufanitti eessa nu geessa laata?

Rakkoon dhalatu maali? Rakkoon mateenya (privacy) tokko. Kuni ammumaa rakkoo ta'eera.

Duulli maqa-balleessiifi sodaachisuu miidiyaa hawaasaa irratti taasifamulleen rakkoo dhaabbileen xiqqeessuuf dhamahaa jiranii dha.

Odeffannoon dharaa dhaloonni miidiyaa haawaasaarraa odeeffatuus jireenya gara fuulduraa jeequu mala.

Yaaddoowwan Siyaasa naannoo haaraa

Waggaan darbe kan wal diddaan siyaasaa haaraa kan itti mul'ateedha. Kanneen keessaayis: yaaliin misaa'eelaa Kooriyaa Kaabaa fi dhimmi godaantota kumaatama balaa baqachuuf daangaa qaxxaamuran isaan ijoo ture.

Dabalees, qaamoleen sagalee filannoo biyya biraa hatan fi sabboonummaan addunyaa irratti guddachuun, fi mata dureewwan kana fakkatanis bara 2016 fi 2017 isaan midiyaa gutaniidha.

Imala konkolaataa naga qabeessa

Magaaloonni baay'achuufi baaburri haalaan saffisu, bu'aawwan teknoloojii kanneen akka hayperluuppii (hyperloop) kalaqamanis konkolaataan eessayyuu hin dhaqu.

Inumaa baay'atanii daandiirra yaa'u. Konkolaatonni nama malee yaa'anis akka haalaan fuuladuratti baay'atan qorannoowwan ni agarsiisu.

Biyyoota namoonni galii gidduu galeessaa qaban keessatti baay'atanitti geejjibni akkamin wal gaha?

Nageenya, faalamaa akkasumas konkolaattoonni nama malee konkolaatan daandii gubbaa rakkoo uumuu dhabuu isaaniif ragaan maali?

Hir'achuu Qabeenyaa

Omishaaleen teknoloojii jaarraa 21ffaa jijjiiran hedduun sibiila dhumuu danda'u irraa hojjetamu. Fakkeenyaaf, mobaayiliin ismartfoonii tokko wantoota 60 irraa hojjetama. Kun ammoo albuudawwan gaaga'a.

Sibiiloonni baay'ee barbaachisoo ta'an %90 Chaayinaa keessatti argamu. Kunneen waggoota 20 dhufanitti ni dhumu jedhame yaadama. Kanneen bakka buusuun rakkoodha.

Jireenya addunyaa biraa

Tajaajilli geejjiba hawaa har'aaf dhaabbilee hawaa fi abbootii qabeenyaa biiliyoonota harka jira. Boru gaafa hundaaf banaa ta'e garuu qormaanni dhufu mala. Hawaan qarshii danuu bahuun gor-duuba nu ta'uuf adeemaa.

Eegumsi, qabeenyaa fi hariiroon biyyootaa garuu xiyyeeffannoo cimaa barbaadu.

Sammuu haalaan cime

Dhuguma nami haga yaadu cimsuuf qoricha (bunas ta'e yoo cime Modafinil) fayyadama. Akkasumas, addunyaa qaroomeetti namoonni hedduun mobaayilii isaanii akka sammuu biraatti fayyadamu.

Mee qorichoonni saffisaan akka yaadnuufi bu'aaleen teknoloojii daran akka hojjannu fayyadan amma jiru.

Gaaffiin ka'u lammiileen kana hin argatiin akkam ta'u? Wal caalmaa bal'isaa, Soorreessi haalaan akka duroomu godhaa?

Gaaffiin seeraa fi naamusaas jira: qormaata dura buna dhuguun danda'ama garuu qoricha fudhachuun danda'amaa? Wantoonni cimina sammuu dabaluuf taasifaman reefu rakkoo uumuu eegalaa jiru.

Jireenya sagantaa kompitaraan guutamee

Nami waa'e fuuladuraa qoratu, Rey Kurzwel akka jedhutti, fuuladuratti kompitaroonni cimina sammuu namaa caaluun of-foyyessu. Namoonni muraasa garuu kanaan faallaa tilmaamu.

Kompitaroonni namaan kalaqaman harka namaa bahanii balaa guddaa geessisuu danda'u.

Kanaafuu, akkuma qaccee sirreessuu fi teknoloojii, qaroomni kompitaraa harka namaa jalaa akka hin baane (Artifical Intelligence, AI) dhiibbaa hawaasaa irratti qaban ilaaluun barbaachisaa dha.