Medaaliyaa Olimpikii Tookiyoo: Gabatee medaaliyaa isa biraa - kan US 15ffaa kaa'e

Gabateen medaaliyaa Olimpikii ammallee olaantummaa biyyoota gurguddoo kanneen akka Ameerikaa fa'in obba'e. Garuu, otoo qabeenyaafi lakkoofsa uummataa tilmaama keessa galchine gabateen kun maal fakkaata?

Biyyoonni medaaliyaa meeqa fudhatanii galan kan jedhu oggaa ilaallu, irra deddeebiin waan walfakkaataa agarra. Biyyooni kanneen akka Ameerikaa, Chaayinaafi Raashiyaa medaaliyaa guurrachuun isaanii itti fufeera - Tokiyoottis akkasuma tahe.

US waliigalatti medaaliyaa 113 oggaa sassaabbattu, kana keessaa 39 warqeedha - kanaanis tokkoffaarra teessi.

Biyyoonni akka US medaaliyaa hedduu wayita argatan, biyyoonni biroo ammoo maaliif duubatti harkifatu? Kanneen dhimma kana qoratan waan jedhan qabu.

''Kuni bar ifadha. Waanti murteessaan lakkoofsa uummataa, galii fi sirna siyaasaati,'' jedha Deevid Foorast - ikoonoomistii waa'ee Olimpikii qoratudha.

Lakkoofsi uummataa bu'aa qaba jedha Deevid - akkamiin jennaan, atileetota filannoof dhiyaatan hedduu qabaachuun, biyyattiin morkattoota ciccimmoo baasuuf carraan qabdu guddata.

Fakkeenyaaf biyyattii bicuu Luksamborg jedhamtu fudhaa - lakkoofsi ummataashee 633,622dha. Ispoortii gosa torbaan akka dorgomaniif atileetota 12 ergite - medaaliyaa tokkollee argachuu hin dandeenye.

Gama kaaniin addunyaarraa lakkoofsa uummataan 3ffaarra kan jirtu US, atileetota 613 gosa ispoortii 35 irratti dorgomaa jettee ergite. Biyya kamuu caalaa medaaliyaa hedduu argattee deebite.

Biyyoonni tokko tokko lakkoofsa ummataa qaban waliin walbira oggaa qabamu, guddoo milkaa'an. BBCn gabatee sadarkaa gama kaanii ykn isa biraa jechuun, medaaliyaa lakkoofsa uummataan qabatee dhiyesseera.

Gama kanaan biyyattiin Awurooppaa daran bicuu taate Saan Maarinoo jedhamtu tokkoffaarra jirti. Biyyi tun uummata 33,000 callaa qabdi - garuu medaaliyaa sadii mo'atte.

Haala gabatee kanaan Ameerikaan 60ffaa gubbaa teessi.

Haa tahu malee lakkoofsi uummataa guddaa kophaasaatiin, medaaliyaa hedduu hin argamsiisu.

''Biyyi tokko yoo hiyyeettii taate, humna hawaasa keessa jiru gara waltajjii addunyaatti morkachuu danda'uutti hin jijjiirtu,'' jedha Aabba Deevid Foorast.

''Fakkeenyaaf [ummanni biyya tokkoo] uumamaan dandeettii bishaan daakuu qabaachuu malu, garuu bakki bishaan itti daakan hinjirtu.''

Biyyoonni qabeenya hin qabne kan mo'atan gara caalu gosoota ispoortii gatii hedduu hin baasisne, kanneen akka wal'aansoo (wrestling) fa'iin jedha Aabba Deevid.

Biyyoonni qabeenya qaban garuu ispoortiwwan qaqqaalii tahan kanneen akka guluffii fardaa fi yabaluu (sailing) fa'itti daran milkaa'u.

Gama qabeenya biyyattii nama dhuunfaatti wayita hiramuun oggaa ilaallu, Chaayinaafi Raashiyaan Ameerikaa caalu. Sadarkaa gabatee kanaan Chaayinaan jalqabarra teessi, Raashiyaan ammoo lammeessoo.

Keeniyaan sadaffaa oggaa taatu, Itoophiyaan 6ffaa gubbaa teessi.

Dhimmoonni aadaafi siyaasaallee ni jiru. Akka ogeessi kun jedhutti, biyyoonni Gamtaa Sooviyetii duraanii keessa turan carraa guddaa qabu. Maaliif jennaan bulchitoonni komunistoota barasii ispoortii haalaan misoomsanii turan.

Biyyoonni Komanweelz jedhamaniifi kolonii Biriteen jala turanis guddinaafi qabeenyasaanii caalaa milkaa'u. Deevid akka jedhutti, ispoortiin addunyaa gubbaa beekamu hedduun kan dagaage Biriteen keessadha jedha.

Kanaafis biyyi Awustiraaliyaa fakkeenya guddaa taati - yeroo baayyee sadarkaa 1 hanga 10 keessa xumurti.

Gama kaaniin ammoo biyyi tokko gosoota kamirratti akka dorgomu filachuunis bu'aa qaba.

Fakkeenyaaf Indiyaatti kirikeet tapha biyyooleessaati, garuu Olimpikii gubbaatti hin taphatamu. Tapha hookiinis beekamti Indiyaan, kun ammoo Olimpikii gubbaatti ni taphatama. Haa tahu malee kanaan medaaliyaa lama qofadha kan argachuu dandeessu.

Gama kaaniin gosoonni ispoortii dhuunfaan dorgomaman kanneen akka jimnaastiks, bishaan daakkii fi atileetiksiin medaaliyaa hedduu argamsiisu.

''Waliigalatti ispoortii garee irratti guddoo xiyyeeffachuun bu'aa hangas guddoo hin argamsiisu.''

Xiinxalaan ispoortii Simon Gleave, dhimmoota kanneen akkasiif lakkoofsa medaaliyaa raaguun nama dhiba jedha.

Akka inni jedhutti gahumsi duraanii biyyoonni amma dura galmeessisan, tilmaamuuf karaa fooyyee qabudha. Garuu kunis mirkana miti.

''Kan ati dagachuu maltu biyyoota saffisaan guddachaa ykn gadi bu'aa jiranidha. Inni kun ammoo waan hunda caalaa murteessaadha,'' jechuun BBCtti hime.

Mo'attoota Olimpikii sirnaan madaaluuf, gahumsa duraanii waltajjii Olimpikii callaa otoo hin taane, gahumsa biyyootaa dorgommiiwwan idila-ddunyaa kaanirratti galmeessisa ilaaluun barbaachisaadha jedha.

Kana tilmaama keessa galchuun, Indiyaan gahumsa olaanaa galmeessisti jedhee ture. Biyyattiin Olimpikii kanarratti kan kanaan duraarraa qabxii olaanaa fidde. Sadarkaa 33ffaa irrattis teesse.

Rekordiin amma duraa Olimpikii Beejingii 2008 irratti 51ffaa irra taa'uun kan xumurte ture.