Obaamiyaang: Dursaan taphattoota Arsenaal waliigaltee haaraa waggaa sadiif mallatteesse

Dursaan taphattoota Arsenaal Piyeer- Emeriik Obaamiyaang kilaba isaa Arsenaal waliin turuuf waliigaltee haaraa waggaa sadii mallatteesse.

Jifataan waggaa 31 kun Amajjii bara 2018 ture Arsenaal kan seene. Bara dorgommii 2018-19 kophee warqii Pirimiyeer Liigii argate.

''Arsenaalin nan amana. Waliin waan guddaa dalaguu dandeenya,'' jechuun dubbate.

Silaa waliigalteen Obaamiyaang bara dorgommii 2020-21 ni xumurama ture. Kana jechuun Amajjiirraa eegalee kilaboota kaan seenuuf marii eegaluu danda'a.

Pirimiiyer Liigii baranaa Fulbaana keessa torban darbe eegalerratti galchii Arsenaal Fulihaam itti injifate galcheera jifataan lammii Gaabon Obaamiyaang.

Adoolessa keessa yeroo Arsenaal Chelsii injifachuun waancaa FA fudhate Obamiyaang goolii lama galchee ture.

Arsenaal waancicha fudhachuun isaa waancaa Yurooppaa Liigii baranaarratti akka hirmaatu dandeessisa.

''Obaamiyaang nu waliin turuu isaa barbaanna,'' jedha leenjisaan Arsenaal Mikel Arteettaa.

''Taphataa cimaadha. Yeroo gabaabaa keessatti galchii 50 kilabichaaf lakkoofsisuun isaa waa'ee isaa waan sitti himu qaba,'' jechuun ibse.

Yeroo kilabicha seene riikardii yeroosin paawundii miiliyoona 56'n kan mallatteesse Obaamiyaang, walmorkii 111 irratti hirmaate keessaa galchiiwwan 72 galcheera.

Taphoota Pirimiyeer Liigii 86 inni irratti qooda fudhate keessaa galchiiwwan 55 yoo galchu, kaan akka galchanif galchiiwwan 12 tumse.

Taphataan cimaa Afrikaa bara 2015 kuni Sadaasa keessa ture Giraanit Zhaakaa bakka bu'un dursaa taphattootaa Arsenaal kan ta'e.

Ganna darbe kana Arsenaal ittisaa Biraazil Gabri'eel Magalees Liil irraa, Chelsiirraa Wiiliyaan akkasumas Daani Kebaayosh ergisaan Riyaal maadiridirraa fidateera.