Komeediyaanii beekamaan bakka pireizidaantii ittaanaa Maalaawwii balaa xayyaaran du’anii bu’e

Komeediyaanii beekamaan Malaawwii Maayikil Usii bakka ittaanaa pirezidaantii biyyattii balaa xayyaaran dhiyeenya du’anii bu’e.

Komeediyaanin ganna 55 Maayikil booda keessa gara siyaasatti makamee kan ture yoo ta’u, amma immoo bakka ittaanaa pirezidaantii balaa xayyaaran du’anii Saawuloos Chiliimaa bu’uun waadaa seenee jira.

Dr. Maayikil Usii paaraamaa biyyattiitti dhiyaachun itti gaafatamummaa itti kennamu simachuun waan irraa eegamu akka bahatu waadaa galeera.

Leegaasii pirezidaantii ittaanaa dhiyeenya balaa xayyaaran du’anii akka kabajuufi itti fufsiisu dubbachuun pirezidaantii biyyattii Lazariyees Chakweeraan isa amanananii gara gaggeessummaatti fiduusaanif galateeffateera.

Komeediyaanin beekamaan kun ittaanaa pirezidaantii Malaawwii ta’ee muudamuusaatti kanneen hin gammanne danuudha. Viidiyoowwan qoosaa inni kana dura hojjataa ture miidiyaa hawaasaa irratti qoodun, “namni kun dhuguma gaggeessaa biyyaa ta’aa?” jedhanii kan mormanis namoota hedduudha.

Dr. Maayikil ammayyuu taatoo ta’uun fiilmii walitti fufiinsa qabuufi TV biyyattiirratti darbu irratti hirmaataa jira.

Gargaaransaa BBCtti akka himetti, pirezidaantii ittaanaa Malaawwii ta’ee kan filame Maayikil torbee darbeyyuu waraabbii fiilmirra ture.

Waaggoota 20 oliif TV fi reediyoo biyyattiirratti komeedii, diraamaafi fiilmii dhiyeessun nama beekamtii guddaa horateedha.

Dr, Maayikil Usii komeediifi fiilmii hojjachuu qofa osoo hin taane ogummaa fayyaas nama barateedha. Jalqaba narsii ta’uun hospitaala keessa hojjataa ture.

Boodarra Dhaabbata Gargaarsafi Misooma Adveentistii biyyattii keessatti gaggeessummaan tajaajileera. UKtti kan argamu Yuunivarsiitii Bedforshaayir irraa damee Misooma Dargaggootan PhD argateera.

Pirezidaantii ittaanaa Maalaawwii balaa xayyaaran du’an Dr. Saawuloos Chiliimaa waloom ta’uun paartii mormituu gaggeessaa turan.