Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imbaappeen wantoota PSG'tti gammachuu isa dhowwan ifa godhe
Jifataan Faransaay Kiiliyaan Imbaappee waggoota xumuraa PSG keessa tureen ‘’wantoonniifi namoonni gammachuu na dhowwan’’ jechuun dubbate.
Taphataan ganna 25 kuni kilaba Ispeen Riyaal Maadirid akka seenu jalqaba torban kana mirkanaa’eera.
Haa ta’u malee, kontiraanni inni kilaba Faransaay PSG waliin qabu hanga Waxabajjii 30 itti fufa.
Gaafa inni xumurame waliigaltee waggoota shaniif Riyaal Maadiriid seenee taphatu eegala.
Taphataan PSG’f hedduu galchuun riikardii qabate kuni waa’een jijjiirraa isaa hedduu odeeffamaa ture.
‘’PSG’tti gammachuu hin qabu yoon jedhe harka na soore ciniinuufi namoota na bira dhaabbatan fuula keessa tufuu ta’a
‘’[Haa ta’u malee,] haalonniifi namoonni gammachuu na dhowwani,’’ jechuun ibse.
Imbaappeen kontiraata PSG waliin qabu akka dheeressu gaafatamee irra deddeebiin dideera.
Inumaa garee duraarraa adda baheeyyuu leenji’uuf dirqamee ture.
Sababa gammachuu dhabe yoo ibsu ‘’wantoonni mul’isuu hin dandeenye jiru sababni isaas hoogganaa waanan ta’ef namoota mufii qaban faana hin buutu,’’ jechuun ibse.
Imbaappeen Pirezidantiin PSG Luwiis Enirikee fi gorsaan kilabichaa Luwiis Kaampos ‘’na baraarani’’ jechuun jajeera.
‘’Isaan malee lammata dirree,'' kubbaa miilaa hin seenu ture jechuun ibse.
Waa’ee bara dorgommii dabarse gaafatamee gammachuu akka qabu hime.
Ta’us, jedhe ‘’Sadarkaa kiyyaan xiqqaadha. Garuu taphachuun, taphoota irra deebi’uun fi waancaa ol kaasuun wantoota na boonsan keessaadha.
‘’Waggaa dhufu garuu bara dorgommii akkanaa garaa na hin gahu,’’ jedhe.
Imbaappeen PSG’n waancaa Liig 1 [Waan] jaha akka ol kaasu gargaareera.
Haa ta’u malee, yeroo ammaa kilaba Riyaal Maadiriid dhihoo Waancaa Chaampiyeens Liigii ol kaase waliin imala haaraa eegaluuf jedha.
‘’Gammachuu guddaafi abjuu milkaa’edha,’’ jechuun dabale akkaataa Maadiriid seene yoo ibsu.
‘’Kilabii osoon keessa seene jedhee yeroo hundaa abjochaa turedha. Gammachuu guddaani garas kanin qajeelaa jiru.’’
Imbaappeen eenyu?
Imbaappeen abbaa isaa lammii Kaameerun Wilfired jedhamaniifi harmee isaa lammi Aljeeriyaa taphattuu kubbaa harkaa tahan irraa Faransaayitti dhalate.
Walakkaa Paaris irraa km 11 fagattee kan argamtuu fi ganda uummatni harka qalleessa keessa jiraatu Bondii jedhamtu keessatti dhalatee guddate.
Gandi isaanii bakkeewan seena qabeeyyii akkuma qabdu bakka yakki itti hammaatu tahuunis beekamti. Kubbi miilaa ganduma kana keessaa ijoollee dandeettii addaa qaban akka Imbaappee filatte.
Abbaan isaa kilaba gandicha keessaa Bondii jedhamtu leenjisu waan tureef ilma isaanii yeroo inni daa’ima turee jalqabuun fudhatanii deemu ture.
Yeroo umuriin isaa wagga shan ture kan jalqabe Imbaappeen, yoo wagga kudhan guutu maatiin isaa taphataa jabaa akka tahu hubatan.
Harmeen isaa garee biyyaalessaa Farnsaayiif taphattuu cimtuu kubba harkaa waan turaniif hojii dirreen ala akkamiin ilma isaanii kana kilaba gurguddaatti akka fidan beeku ture.
‘’Galmakee ji’arra godhachuu qabda, yoo achirra gahuu hanqattellee duumessarra gahuu dandeessa waan taheef,’’ jedhe yeroo tokko.
Umuriin Imbaappee wagga 12 yoo tahu maatiin isaa kilaboota gurguddaa Awurooppaa dandeettii isaa ilaaluun mallattesisan bira geessuu jalqaban.
Jalqaba kan imalan gara Ingilaanditti yoo tahu, kilabni Landan Cheelsiin carraa kenneef.
Fakkeenya godhatee kan guddate Kiristaanoo Roonaaldoo waan taheef Ingilaand akka gahaniin suuraa Roonaaldoo kutaa kireeffatan keessa godhata ture.