Keevin De Biruunan gara Sa'udii deemuufi? Arsenaal keessahoo maaltu jira?

Taphataan jabaa Maanchistar Siitii Keevin De Biruuna gara Sa'udii imaluu danda’a.

Taphataan lammii Beeljiyeem kuni maallaqi kilaboonni Saa’udi isaaf ofitti isa fudhachuuf dhiheessan ‘’amanuun kan rakkisu’’ jechuun ibseera.

Taphataan ganna 33 barana yeroo afraffaaf walitti aansee kilaba isaa waliin waancaa liigichaa ol kaase ganna kana kilabicha akka gadhiisu gaaffiin dhihaachuufi mala.

Barruun Football Insider madda eeruun akka gabaasetti yeroo gabaan jijjiirraa taphattootaa eegale kilaboonni Sa’udiifi MLS (liigii Ameerikaa) ofitti isa fudhachuuf yaada qabu.

Akka gabaasa kanaatti taanaan taphataan kuni Maanchistar Siitii keessa gammachuu qaba. Haa ta’u malee, karoora waggaa dhufu kilabichi qabu keessa gahee isaa dursee baruu barbaada.

Taphataan lammii Beeljiyeem kuni bara dorgommii baranaa miidhamaan taphoota 26 qofarratti taphatus, galchii jaha galcheera, 18 immoo tumse.

Taphoota ijoorrattis taphataa jabaa ta’u isaa irra deddeebiin mirkaneessaa ture.

Waggaa sagal dura kilaba Jarman Wolfisbargirraa erga kilabicha seenee Maanchistar Siitii waliin waancaa 16 kaaseera.

Kanneen keessaa jaha waancaa liigichaati, waancaan Chaampiyeens Liigiis jira.

De Biruunan turtii miidiyaa Beeljiyeem VTM jedhamu waliin turtii taasiseen ‘’filmaata kamuuf qophiidha,’’ jedheera jedhe miidiyaan hlnsport.

‘’Gaaffii Sa’uudiirraa dhihaate? …umrii kiyya kanaan filmaata kamuuf qophii ta’uu qabda,’’ jedheera.

Liigonni Sa’udii maallaqa guddaa taphattoota isaaniif dhiheessuun beekamu.

‘’Bara xumuraa bara hojii keetti maallaqa hedduu argachuu dubbataa jirta. Waa’ee isaa yaaduu qabda.

‘’Waggoota lamaaf yoon taphadhe, maallaqa amanuun nama dhibuun argadha,’’ jechuun isa dura waggoota 15’f kan taphate argatu caalaa akka argatuu malu ibse.

Gama kaaniin maatiin isaallee fedhii akka qabaniifi sadarkaa maatiitti mari’ataa akka jiran hime.

‘’Kontiraata kiyyarratti waggaa tokkotu na hafe. Kanaaf waa’ee egereekoo yaadee murteessuun yeroon isaa amma,’’ jedheera akka gabaasa keessa eerametti.

Saanchoo, Aliisan, Zincheenkoo...

Taphataan Maanchistar Yunaayitid Jeedan Saanchoo, kontiraata dhaabbataan gara Dortimuunditti deebi’u mala jedheera Star gabaasa isaatiin.

Taphataan ganna 24 kuni Yunaayitid keessa danqameera.

Liivarpul utubaa haaraa mallatteessuuf yaadaa jira. Kunis taphataa idil-addunyaa Jaappaan Waataaru Endoo ta’u danda’a jedheera Football Insider gabaasa isaatiin.

Arsenaal immoo taphataa isaa sarara bitaan taphatu Oleeksaandar Zincheenkoof waliigaltee haaraa dhiheessuu mala.

Taphataan lammii Yukireen kuni gara Baayern Muunik imaluu mala wanti jedhus jiraa jedha gabaasni Football Insider.

Karri eegaa Liivarpuul Aliisan immoo gara Sa’udi Arabiyaa imaluu mala jedha gabaasi Teamtalk. Taphataa lammii Biraazil kanarratti kilaboonni Sa’udii ijarra buufataniiru.

Arsenaal immoo Eedi Niketaah kilabicha akka gadhiisu eeyyamuu mala.

Taphataa ganna 25 kana kilaboonni akka Fulihaam, Paalaas, Woolvis f Evartan fa’i ni barbaadu jedha gabaasi The Sun.