Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Peelee asii qabna' - Arsen Wenger guyyaa jalqaba Imbaappee arge
Dookimantarii fiilmiin BBC tibbana itti fufinsaan darbaa ture waa'ee ka'umsa Kiiliyaan Imbaappee hiriyyoota ijoollummaa, leenjisaa Faransaay Diidee Diishoo fi taphattoota isa waliin taphataa turan irraa iyyaafachuun waa'ee taphataa kanaa gabaasa hojjeteera.
Imbaappeen erga umurii waggaa 16'n Moonaakoo keessatti baramee sadarkaa Kiristaanoo Roonaaldoo fi Liyonel Mesiitti maqaan isaa ka'aa ture.
Leenjisaan duraanii Arsenaal Arsen Weenger gaafa jalqaba Imbaappeen osoo taphatuu argan ''Peelee asumaa qabna,'' jedhan.
Umurii isaa waggaa 25niin Imbaappeen waancaa Adunyaa lama irratti hirmaateera.
Umuriin isaa waggaa 19 tahee Waancaa Adunyaa bara 2018 irratti taphataa jabaa ol adeemaa dorgommichaa tahuun badhaafame.
Akkasumas Peeleetti aanee taphataa umurii xiqqaan xumura Waancaa Adunyaa irratti lakkoofsise tahe.
Peeleen seenaa kana bara 1958 galmeesse.
Bara 2022 faransaay Arjentiinaan mo'amuun waancaa dhabdus Imbaappeen xumura waancichaa irratti galchii sadii lakkoofsisuun waan raajii hojjeteera.
Sadarkaa kilebaatti taphataan PSG kun waancaa Liig 1 torba, kan jalqabaa Monaakoo waliin, mo'ateera.
Fireench Kaappii sadii fi Fireench Liigii lama dabalataan mo'ateera. Kilaba magaala keessatti dhalatee Paaris keessatti taphataa galchii hedduu PSG'f lakkoofsise tahuun seenaa hojjetee bahuuf jedha.
Taphoota 306 irratti galchii 256 lakkoofsiseera.
Dookimantariin BBC kun qarqara Paaris ganda hiyyeettii keessaa ka'uun akkamiin Imbaappeen sadarkaa kanarra akka gahe agarsiiseera.
'Rifeensakoo akka kan Ziidaanitti naaf muri'
Guyyaa tokko Imbaappeen mana rifeensaa deemuun aka kan Ziinadin Ziidaan fakkeessii naaf muri jedhe. Gurbaan jaalala Ziidaanii fi dandeettii kubba miilaa Ziidaaniif qabuun maraateera.
Kutaa ciisicha ijoollummaa isaa keessa suuraa [poosterii] Kiristaanoo Roonaaldootu guuteera.
Qe'eema itti dhalatetti kan beekamu hedduu dinqisifatu ammoo Ziidaanidha.
Leenjisaan ijoollummaa isaa Teerii Poontuu guyyaa tokko mataakoo moluu akka Ziidaan fakkeessii naaf sirreessi jechuun nama rifeensa sirreesuuf gaafate jedhe.
Akka carraa tahee namichis ni dide.
Ziidaan bara 1998 Faransaay akka Waancaa Adunyaa mo'attu gargaareera. Dursaas ture.
Yeroo sana ture Kiiliyaan Imbaappeen kan dhalate. Akka haati Imbaappee jedhanitti Ziidaan matumti isaayyuu hiddi dhaloota isaa Aljeeriyaa gosa Kabaayil keessaati. Haati Imbaappes dhalattuu Aljeeriyaati.
'Taphataa saffisa guddaa qabu hin turre'
Imbaappeen Kaaba Baha Paaris naannoo Boondii jedhamtu keessatti dhalatee guddate.
Naannoo namootni harka qalleeyyii keessa jiraatanidha.
Taphataan Arsenaal ammaa Wiiliyaan Saalibaan asitti Imbaappee waliin uddatan.
Bakka jireenya isaanii dhaabbatanii istaadiyeemii Psg ni argu ture. Abbaan isaa ammoo Boondii keessaa leenjisaa kubba miilaati.
Umuriin Imbaappee waggaa 12 yoo guutu imala kubba miilaa isaa akka jalqabuu qabu itti amanu.
Akka taphataa yeroo sana isa wlaiin taphataa ture Rayan Viyaangaatti, Imbaappeen yeroo sana garee isaanii keessaa taphataa saffisa guddaa qabu hin turre.
Abbaan Imbaappee akka inni taphattoota sarara ittisaa cimoo morkatuuf karaa fallaa isa taphachiisa jedhe.
Kun Imbaappeen akka dafee kubba miilaan guddatuuf isa gargaareera jedhe.
Arsen Weenger Imbaappeen Arsenaal akka galuu amansiisuuf yaalaniiru
Ijoollummaatti Imbaappeen akkaadaamii 'Clairefontaine' jedhamu gale.
Akkaadaamiin kun taphattoota jajjaboo akka Teerii Heenerii, Nikoolaas Aneelkaa, Wiiliyaam Gaalaas, Bilees Maatuudii fi Haatem Ben Arfa oomisheera.
Waggaa lammaffaa isaatti kileboota baay'ee irraa gaaffiin dhiyaachuufii jalqabe.
Gaazexessaan kubba miilaa Faransaay, Julen Loorensi Imbaappeen daa'ima taheeyyuu carraa Riyaal maadirid, Maanchister Yuunaayitidii fi Arsenaal galuu argatee ture jedhe.
Arsen Weenger Imbaappeen akka Arsenaal galuuf amansiisuuf hedduu yaaluu himan.
Inumaayyuu yeroo tokko kileba xiqqaa kaayen galuuf yaadaa turuu hime.
Imbaappee fi maatiin isaa akka kileba Kaayen galuuf erga murteessanii kilebichi Liig 1 Faransaay keessaa kufnaan waliigalteerra osoo hin gahiin hafuu hime kilebichaaf taphattoota kan filu Deevid Laasirii.
''Yeroo Monaakoo yero dirree shaakalaatti taphataa hundatti taphatee darba ture.''
Bara 2013 Imbaappeen ' Clairefontaine' bahee Monaako gale. Umurii isaa waggaa 16 fi guyyaa 347'n Moonaakoof taphachuun rikardii umurii xiqqaan kilebichaaf taphachu Heeneriin waggoota 21f qabatee ture cabse.
Bara dorgommii 2016-17 taphoota 29 irratti galchii 15 lakkofsise. Monaakoon waggoota 17 booda waancaa Liig 1 akka mo'atu gargaare.
Yeroo sana Moonaakootti waliin taphataa kan turan taphataa Maan Siitii ammaa Bernaaldoo Silvaa ''jaalala inni kubba miilaaf qabuu fi naamusa isaatu bakka amma jiru kana akka gahuuf isa gargaare'' jedhe.
Monaakon taphni osoo isa hafuu shaampiyoona atahuu yoo mirkaneeffatu taphattooni walitti qabamuun gammachuu isaanii ibsachaa turan.
Imbaappeen dafee waan mana galeef dhaqanii isa waaman. Inni garuu tapha ishee nu hafte bareechee taphachuuf qophaa'uun qaba isaan jechuu hima Silvaan.
Waan ittiin qeeqamu keessaa tokko garuu 'ofittoodha'' jedhama. Maartiin Buuchet, PSGtti daariktera gahumsaa kan tahan, ofittummaan kun ''gara milkaa'inaatti humna si oofu qaba,'' jedhan. Namootni Imbaappee amala kana dhiisuu qaba jedhan dogogora jedhan.
Alan Shiirer, taphataan duraanii Niwkaastiliif galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii qabu, taphataa milkaa'aa tahuuf ofittummaakee dhiisuu hin qabdu jedhe.