Deeviid Raaya goolii eegaa cimaa Priimiyeer Ligii bara kanaa jedhame

Goolii eegaan Arsenaal Deevid Raayaa goolii eegaa cimaa Piriimiyeer Liigii Ingiliz bara kanaa jedhame.

Raayaan badhaasa gilaavii warqee injifachuun kan mirkanaawe jimaata darbe morkataansaa goolii eegaan Evertan Joordaan Piikfoord tapha Luutan irratti goliin itti galuu hordofeeti.

Raayaan bara dorgommii kana taphoota 14 irratti goolii hin keessummeessine. Taphataan ganna 29 ergisaan Bireentifoordirraa bara kan Arsenaalitti makame kun, taphoota 29 irratti goolii Arsenaal eegeera.

Tapha Jimaataa dura baadhasasaa kanatti namni dorgomaa ta'u Piikfoord qofa ture. Abjuun Piikfoord goolii daqiiqaa 31ffaarrtti irratti lakkaawameen fashale.

Pikfoord liigicha xumuruuf taphootni lama wayita hafanitti carraa Raayaan qixxaachuu qofa qaba.

Raayaan jalqaba bara kanaatti ergisaan gara Emireets wayita dhufu bara kana xumuruuf filannoo asumatti hafuus qabatee ture.

Dhufaatiisaa dura goolii eegaan idilee Arsenaal Aroon Raamisdeel ture. Bara darbe taphoota 38 irratti goolii eege keessaa 14 irratti itti hin galle.

Gahumsi Raayaa mana Arsenaal keessatti suuta wayyaa'aa dhufe. Mudde keessa wayita dogoggoroota hojjeteen gooliin lama itti galu yaadni Raamsideel iddoosaatti deebi'uu qaba jedhu ka'aa ture.

Ji'a Bitootessaa ammoo tapha Chaampiyoonsi Liigiirratti rukuttaa peenaalitii poortoo lama baraaruun gareensaa gara nuusa xumuraa akka ce'u gochuun goota jedhameera.

Barreessaan Kubbaa Miilaa BBC Fiil Maaknooltiy gahumsisaa gaafa sanii mormii filannoo Arsenaal jalqabaa ta'uusaarratti ka'utti xumura godheera jedha.

Raayaan erga garee Arsenaalitti makamee yeroo lama qofa tapha liigiirratti osoo hin hirmaatiin hafe. Bakka hin jirreetti kan hiriire Raamsdeel tapha lamaan irratti goolii tokko keessummeesse.