Afcon 2023: Qopheessituun dorgommichaa Ayivoriikoost tapha jalqabaan mirgaan galte

Taphi waancaa biyyoota Afrikaa kan 2023 eegaleera, marsaa kana dorgommicha biyyasheetti kan qopheessite Ayivoriikoost tapha jalqabaan 2 fi 0 dhaan Giinii Bisaawoo injifatte.

Seekoo Fofaanaa garee Arbaa (Elephants) kan ramaddii A keessa jiraniif Abijaan keessatti jalqabbiisaanii bareecheera.

Taphi eegalee daqiiqaa afraffaa irratti biyyasaaf goolii galchuun abdii waancaa gareesaaf deebise.

Boqonnaa dura goolii daddabalee galchuuf carraa hedduu argateera, gooli eegaa Giinii Bisaawoo Ouparine Djoco bira kubbaa dabarsuutu itti ulfaate malee.

Garuu dabaluunsaaniis hin hafne. Waahilli isaa Jean-Philippe Krasso boqonnaa booda osoo baayyee hin turin dhiibbaa gama Giinii Bisaawoo hunda dandamatee goolii lammataa galcheera.

Taphi Waancaa Biyyoota Afrikaa bara 2023 keessa gaggeeffamuun irra ture sababa rooba Lixa Afrikaaf jecha ji'a ja'aan duubatti hafe, bara 2024 jalqabarratti akka gaggeeffamu murtaa'e.

Sagantaan kun harkifachuun ammoo akka Ayivoriikoost sirriitti qophooftu gargaareera.

Biyyattiin dorgommii kana qopheessuuf doolaara biiliyoona tokko baasteetti.

Bara 1992 fi 2015 waancaa kana nyaatanii kan beekan warri Arbaa (Ayivoriikoost) ammas akka ardittiitti yeroo sadaffaaf gulantaa kanarra taa'uuf falmachaa jiru.

Garuu jifataasaanii jalqabaa Sebastien Haller, kan miidhamaan dhaban, malee taphachaa jiru

Haata'u malee taphataan sarara gidduu Fofana dirqama sarara gidduurra jiru waahila isaa Firaank Kessie'f kennuun karaa qarqara mirgaan fuulduratti darbeera.

Jifataan Giinii Bisaawoo Mama Balde tapha boqonnaa duraa irratti dandeettii ajaayibaa agarsiiseera, carraa goolii hedduus argateera. Garuu warri Arbaa hin eeyyamneef.

Garuu carraaqqii dhuunfaa gooli eegaan isaanii Jookoon taasiseen boqonnaa dura goolii 1 fi 0 dhaan ba'uu danda'an.

Taphataan Ayivoriikoost Kiraasoon dandettii ajaayibaa agarsiisuun kubbaa oofaa gara manii eegaa Giinii Bisaawootti qajeeluun erga itti dhihaatee booda lukasaa isa bitaan kubbaa humnaan dhahee manii keessa buuse.

Haala kanaan daqiiqaa 58ffaarratti warra faallaa abdii kutachiise.

Jijjiiramee kan seene Firaankuliinoon gooli eegaa Ayivoriikoost irratti kubbaa humnaan dhiiteen qorus garuu milkaa'uu hin dandeenye.

Yeroo afuriif walitti aansuun dorgommii kanaaf kan darbite Giinii Bisaawoo haala kanaan harka duwwaa galte.

Tapha har'aan ammoo Naayijeeriyaan akka biyyaatti sa'atii 11 irratti Ikuwaatooriyaal Giinii waliin falmatti.

Dorgommii waancaa biyyoota Afrikaa 2021 irratti lammaffaan kan xumurte Masriin ammoo yeroo afur waancaa kana kan nyaatte Gaanaa waliin taphatti.